Sunteți pe pagina 1din 7

Qabsoo bilisummaa afaan Oromoo

*Malkamuu Jaatee, Waligayii marii afaan fi aadaa Oromoo irratti barruu


dhiyaate, Jarmanii, Frankfurt, Waxabajjii 11 bara 2016
The future depends on what you do today (Mahatma Gandhi). Bori hin beekne, qodaan bukoo ishee lama.

1. Seensa
Biyya lafaa kana kessatti afaan gosoota gara 7097 kessaa 32.4% Asiyaa fi 30.1% Afrikaa kessatti dubbatamu 4.
Gosoota afaan yeroo ammaa biyya lafaa irratti dubbataman keessaa 50% dhuma jarraa 21ffaa kana dura biyya
lafaa irraa badu jedhamee tilmaamameera. Afaanooti yoo qubee ittiin qaraman (barreefaman) hin qabaatneef
afaan qubee ittin barreefamu qabuun dhaalamaa adeemuun adeemsa kessa gutummaatti dhabamu. ...speakers
and writers of the 83 languages with global influence now account for 80 percent of the world population that
most of the thousands of other languages now face extinction at a rate exceeds the extiniction of birds, fish,
mammals, or plant species...6. Afaan dhabamsiisuu kessatti guddinni dinagidee qooda sadarkaa olii qabaataa
turee fi jira. Fakkenyaaf tulluu Andeesii fi labuu laga Amaazoon keessatti afaan adda addaa 113 dubbatamaa
turan afaan Spaanish fi Portugisiin dhaalamuun adeemsa kessa dhabamaa jiru fi kaaba Amerikaa keessatti
afaan dubbatamaa turan 54 dhabamaa jiru waan afaan Ingiliziin dhaalamaa adeemaniif6. Namni dhumaa afaan
Eyak jedhamu nannoo Alaskaa itti dubbataa ture bara 2008 due: akkasumasi namni dhumaa afaan Ubykh
jedhamu biyya Turkii keessatti dubbataa ture bara 1992 due3. Biyya Itiyophiyaa keessatti kan dubbatamaa ture
afaa Argobbaa bara dheraa dura bade. Afaan barruu fi galmee hin qabne tokko yeroo gutummatti dabamuu:
aadaa, ogummaa, fi seenaa uummati afaanicha dubbatu qabaataa turesi walumaan fudhatee bada12.
Afaan gosoota 340 godina gaanfa Afrikaa kessatti dubbataman keessaa gosooti 134 Sudaan fi gosooti 89
Itiyophiyaa keessatti dubbatamu4. Afrikaa keessatti uummata kitiila 50n dubbatamuun, afaan Oromoo, sadarkaa
3ffaa irratti argama afaan Arabaa (kitila 150) fi Siwahilii (kitila 100) itti aanuun1. Garuu dhiibbaa siyaasaa
motummaa Habashaa irraa maddeen afaan Oromoo lafa irraa duguggiif afaan saaxilamee dha. Motummaan kun
qabeenyaa uummata Oromoo gutummaatti dhaaluuf sanyii Oromoo kallattii fi alkallattiin lafa irraa duguuguu
sagantefateera. Sanyii dhala-namaa gadi xiqeessuu yookin gutummaatti dhabamsisuun, qabenyaa uumamaa
dhunfachuu yookin saamuun, tarsimoo siyaasa mootummoota gabiroomfatoo maraa ti. Kanaafuu bara duula
waraana gabiromfannaa (1870 1900) motummaa Habashaatiin waraani geggefame, lakkofsa uummata
Oromoo kitila 10 irraa gara kitila 5 itti gadi xiqqesse7. Mootummaan Habashaa tarsiimoo duguuggaa sanyii dhalanamaa kana galmaan gahachuuf tooftaalee fayyaddamaa ture keessaa: qindoomina waraanaa, babalachuu
balaa hongee, facayiinsa dhukkuba daddarbaa, fi mijoomina gurgurtaa dhala-namaa warra gurguddoota turan.
Sanyii uummata Oromoo kallattiin lafa irraa gutummaatti haxaauun fixaan ba`uf hin mijanne. Garuu tooftaa
gara-garaa fayyadamuun sanyii Oromoo lafa irraa haxaawuun waajjiraalee motummaa diinaan karoorfamee
gara hojii itti hiikamuu jalqabe. Tarsimoo alkallattii fayyadamuun yakka sanyii-duguuggaa raawwatuuf
motummaan Habashaa sagantaa baafate. Sanyii duguggaa seera qabeessa taasifatee, seera ofumaa baafate
1

fayyadamuun, mallattolee (enyummaa) uummata Oromoo beeksisan irratti motummichi duula wali irraa hin
citine geggesse. Heeraa fi seera mootummaa fayyadamuun ragaalee saba Oromoo beeksisan (Afaan, Aadaa,
fi Seenaa) gutummaatti haquun kan Habashaan bakka busuudhaan adeemsa keessa faana oromummaa
guutummaatti dhabamsiisuuf sochowame. Jireenyi saba Oromoo fi biyya Oromoo gutuummaatti haalame.
Yakki sanyii duguuggaa jaarraa 12ffaa irraa eegalee uummata Agawoo irratti raawatamaa ture, jalqaba jarraa
20ffaa irraa kaasee uummata Oromoo fi uummatoota kibba Itiyophiyaa irratti raawatamuu eegale.
Uummati Oromoo hammeenya diinaaf tole jedhee yoomuu jilbeenfatee hin beeku. Baruuma gabirome irraa
eegalun uummati gooti kun qabsoo bilisummaa rogaalee adda addaa 5 walitti hidhata qaban eegale. Isaanis:
1) Qabsoo aadaa Oromoo tiksuu fi kunuunsuu, (2) Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu fi guddisuu, (3) Qabsoo
seenaa Oromoo fi oromummaa ifatti baasuu, (4) Qabsoo hawaasummaa fi dinagidee Oromoo dagaagsuu, fi
(5) Qabsoo siyaasaa saba Oromoo aangoomsuu ti7. Qabsoon bilisummaa Oromoo rogaalee shananuu
keessaan hoogganamaa jiran martuu wal-tumsuun amna qabsoo bilisummaa Oromoo injjifatnoo gutuun
xummuru yoo Waaqayyoo jedheef. Barruun kun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo qofaa irratti xiyyaafata.
Bara biyyi Oromoo sirna gabirummaa kessatti kufe irraa jalqabee acuccaa afaan Oromo irratti motummaa
Habashaan raawatamaa turee fi qabsoo gotoliin afaan Oromoo geggessaa turan ergii gabaabinaan dhiyaateen
booda jarraa 21ffaa kana kessasi acuccaan bifa addaan afaan Oromoo irratti raawatamaa jiraachuu cunfamee
barruu kana keessatti dhiyaata. Afaan Oromoo tiksuu fi guddisu keessatti qoodi dhaloota haaraa garamitti
akka deemaa jirusi dhuma barruu kanaa irratti hanga tokko xuxuquun yaada waliigalaan barruun xummurama.
Kayyoon barruu kanaa afaan Oromoo ammayyuu haala ifaa fi dhokataa ta`een sirna acuccaa jala waan jiruuf
xiyyaafannaan addaa akka itti kennamuu qabu beeksisuuf. Mata duree kana barresuu iraatti kan na gargaare
Waaqayyoo hedduu galateefachaa, ilmaan Oromoo haala qindaaween marii afaan fi aadaa Oromoo sadrkaa
jalqabaa biyya Jarmanii keesatti qindeessanis galateefadha. Barruun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo kun
yaadannoo gazexesaa afaan Oromoo isa jalqabaa, Ayyubi Abubakar, haa ta`u.

2. Acuccaa afaan Oromoo bara 1889 1991


Diinni (motummaan Habashaa) kallatiin sanyii uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf milkaawu yeroo
hanqateetti tarsiimoo afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo ittiin dhabamsisu baafatee sochowe. Angoo waranaa fi
tumsa motummoota alagaa fayyadamuun biyya Oromoo jaarraa tokkoo fi cina (waggoota 150) oliif motummaan
weraree jiru kun acuccaa afaan Oromoo irratti gessisuu bifa adda addaan fufee raawataa turee fi raawatasi jira.
Acuccaan bara 1889 1991 afaan Oromoo irratti raawataman warri gurguddoon armaan gaditti tarrifamu:
(1ffaa) Moraa mana barnotaa kessatti afaan Oromoo dubbachun dhorkamuu; (2ffaa) Afaan Oromoo barresuu fi
dubbisuun dhorkamuu; (3ffaa) Afaan Oromootiin Waaqayyo waaqessuun dhorkamuu; (4ffaa) Qora-qalbii adda
addaa fayyadamuun ilmaan Oromoo afaan Oromoo haasawutti leeyyaasisuu; fi (5ffaa) Odeefannoo afaan
Oromoon karaa raadiyoo tamsaasuun dhorkamuu. Fakkenyaaf gaazexesitoota yeroo jalqabaaf sagantaa radiyoo
afaan Oromoo magalaa Moqaadishoo, biyya Somalee, kessatti bara 1960ta hundessan irratti motummaan
Habashaa waraana qindeeseen basaastuu fayyadamee gazexesaa Oromoo, Ayyubi Abubakar, ajjeesise9.
2

3. Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu (bara 1881 1991)


Karaa roga qabsoo bilisummaa afaan Oromoo hojiin eegalamee milkoomina hojii qabsoo bilisummaa Oromoof
qooda guddaa gumaacheera. Qabsoo blisummaa afaan Oromoo bu`ureessuuf hojiilee Hiikaa Awaaji (Onesmoos
Nasiib), Asteer Gannoo, Liidiyaa Damboo, Sheek Bakirii Saphaloo, fi Dr. Hayilee Fidaa raawatan seenaa qabsoo
bilisummaa afaan Oromoo kessatti iddoo guddaa qabu.
Afaan Oromoo badiisa irraa hambisuuf hojiin hoogganummaa Hiikaa Awaaji (Onesmoos Nasiib) dhaan
raawatame seenaa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti sadarkaa olii qabatee jiraata. Hiikaa fi Asteer fi
Liidiyaa hojiile barruulee afaan Oromoo bara 1881 irraa jalqabanii raawataa turan keessaan, waggoota 18 booda
macaafi qulqulluu guutummaan gara afaan Oromootti hiikamuudhaan, Waxabajjii 10 bara1899 maxxanfame.
Hojiin kun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti milkoomina sadarkaa olii argamsiise. Guyyaa macaafi
kun maxxanfamee bahu, barsiisaan wangeelaa (macaafa-qulqullu), Hiikaa Awaaji, kennaa kanatti heedduu
gammaduudhaan akkas jedhe: Waaqayyo amma badhaadhummaa namni kamuu dhowwachuu (harkaa
saamuu) hin dandeenye saba Oromoof kenneera, kanaafuu guutummaan macaafa qulqulluu kumi lamaa
(2000) fi kakuu haaraa kumi shan (5000) dafee iddoo qophaa`eef (biyya-Oromoo) haa gau, sabni Oromoo
hawwiidhaan isa eeggachaa jira 11. Akkasumas barrulee aadaa Oromoo bifa wedduu, geerarsa, walaloo,
mamaaksa, fi kkf barreessuu irratti qoodi Aster Gannoo, Abbaa Gammachiis (Onesmoos Nasiib), fi Lidiyaa
Damboo gumaachan waan laayyootti ilaalamu miti. Fakkenyaaf akkataa barsiisa afaan Oromoo fi wedduulee fi
mamaaksa Oromoo isaan qubee saabaan barreessan fi bifa kitaabaan maxxansiisan waggota 120 booda gara
qubee afaan Oromootti J. Abbaa Caalaa Lataan jijjiiramee bifa haaraan maxxanfamee yeroo ammaa mana
Waldaa warra Wangeelaa Eriteriyaa keessatti argama.
Onesmoos (Hiika) kitaabota hedduu afaan Oromootti erga hikee boddee Asmaraa irraa ka`ee karaa Jabuutii
keessaan Finfinnee seenudhaan gara Najjootti bara 1912 galee mana barumsaa Najjoo hundessee, barsiisota
isa wajjin turan wajjin, ijoollota Oromoo afaan Oromootiin barsiisuu jalqabee ture; garuu luboonni waldaa
kiristaanaa Ortodoksii guutummaa kutaa Wallaggaa keessa yeroosi turan, afaan Oromoon barssisuu isaa waan
jibbaniif, isa irratti duulan2. Kana irraan kan kaee waggaa tokkoo fi walakkaa erga afaan Oromoon barssiifameen
booda akka Najjootti hin barsifamne dhowwamudhaan manni barumsichaa cufamee, Onesmoos fi hiriyootni hojii
isaa (barssiisoni) Naqqamteetti godaanan. Naqamtettiis akka hin barsifine dhorkamuun, akka mana isaanii
keessatti hidhamanii taa`an mootummaan Habashaa fi hoogganoti waldaa kiristaanaa Ortodoksii waliigaluun
murteessan2. Kana booda bara 1927 ergamtooti wangeelaa warra Siwudinii, lubi Maartiin Noordifeelt fi haadha
manaa isaa fi narsii Heelmann Oolson, magaalaa Najjootti galanii akkuma Najjoo seenaniin mana barumssaa isa
Onesmoos jalqabee ture bananii barsiisuu itti fufan2. Meeshaa siyaasa mootummaa Habashaa kan ta`ee
waldaan Ortodoksii fi ergamtooti mootumichaa kallatii fi bifa hin mullatineen afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo
dhabamsiisuuf duula wali irraa hin citne geggeessaa turan; garuu qabsoo hadhooftuu barsiisaan wangeelaa,
Hiika, hoogganeen afaan Oromoo afaan barreeffamaa fi meeshaa barnoota amantii kiristaanaa biyya Oromoo
keessatti babalisuu ta`uu irratti milkaawuudhaan guddinaa fi tikfamuu afaan Oromoof qooda sadarkaa olii
gumaacheera, gumaachaasi jira waan mormiin dhoksaan fufeef7.
3

Afaan Oromoo tiksuuf qabsoon hoogganummaa sheek Bakrii Saphaloon geggefame seenaa qabsoo bilisummaa
afaan Oromoo keessatti sadarkaa olii qabateera. Bara 1950 keessa walaloolee fi barnooti aadaa Oromoo sheek
Bakrii Saphaloo barressee dhiyessaa ture uummata Oromoo baha Oromiyaa dammaqsuun qabsoo bilisummaa
afaan Oromoof hiriirsuudhaan bara 1960 Waldaa Afran Qalloo (WAQ) hundeesuuf milkaaweera5. WAQ hundee
sochii qabsoo bilisummaa afaan Oromoo ti. Hoogganummaa sheek Bakrii jalatti qabsoo bilisummaa afaan
Oromoo geggefamee kessaa hawisoo bebbeekamoon akka Biftuu Ganamaa, Urjii Bakkalchaa, fi kkf hedduun
dhalataniiru. Walliftooti sochiilee bilisummaa afaan Oromoo keessatti bara sani hirmaatan warra akka Ayyuub
Abubakar, Mohammed Rashaad, Shantam Shubbisaa, fi kkf turan. Sochiin buu`raa (hundee jalqabaa) kun
walistoota bebbeekamoo kanneen akka Alii Birraa, Alii Shabboo, Haloo Daawee, Almaaz Tafarraa, Zariwuun
Wadaajoo, Ilfinash Qannoo, Abitawu Kabbadaa, Elemoo Alii, Nohoo Gobanaa, Qamar Yusuuf, Umar Suleyman,
fi kkf hedduu daandii qabsoo afaan fi aadaa Oromoo qaromsuu irra hiriirse7.
Sheek Bakrii barruudhaan falmuun tarsiimoo mootummaan Habashaa afaan Oromoo dhabamsiisuuf
saganteeffatee ture sani saaxile. Akkuma ilmaan Amaharaa afaan isaanin barnoota barachuuf mirga qaban,
akka ilmaan Oromoos afaan ofiin barnoota barachuuf mirga qabaatanif qabsaae: akkasumasi akkuma
sagantaan raadiyoo afaan Amaharaan dhiyaatu, akka sagantaan raadiyoo afaan Oromoonis dhiyaatu falme 5.
Afaan Oromoo dagaagsuuf sochii eegalame kana sodaachuudhaan mootummaan Habashaa tarkaanfiilee WAQ
diiguu fi miseensota WAQ biyyaa ariyhuu fudhate.
Qubee fi giraameera (sirna bareefamu fi dubbifamuu) afaan Oromoo hundeessu keessatti qabsoo bara 1968
1974 Dr. Haayilee Fidaa hooggane seenaa qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu keessatti sadarkaa olii qabatee
jiraata. Dr. Haayilee Fidaa (hayyuu afaan Oromoo fi abbaan qubee afaan Oromoo), akka afaan Oromoo
dubbachuu, barreessuu, fi dubbisuudhaaf uummati Oromoo mirga seera uumamaa irratti hundaawe qabu
beeksise10. Bara 1968 1973 qormaata afaan biyya Itophiyaa irratti geggessuun Dr. Haayile barruu: Languages
in Ethiopia: Latin or Geez for writing Afaan Oromo jedhamu qoheessun qubee afaan Oromoo waligayii idilee
tokkummaa barattota Itiyophiyaa kan biyya Awuropaa irratti dhiyeesuun jornaala Tatek (theoretical Journal of
Ethiopian Studies in Europe) jedhamu kessatti maxansiise: akkasumasi Dr. Haayile bara 1973 qubee laatiin
fayyadamee qubee 35 tolcheen sirna barrefamuu fi dubbifamuu afaan Oromoo mata duree Hirmaata Dubbi
Afaan Oromo jalatti maxxansee beeksise10.

4. Qabsoo bilisummaa afaan Oromoo bara 1991 booda


Afaan Oromoo sadarkaa bara ammaa kana irra jiruun kan ga`ee, qabsoo bilisummaa Oromoo bara 1973 irraa
eegalee jaarmiyaan adda bilisummaa Oromoo (ABO) hogganee dha. ABO yeroo hundaa galata qaba: sababaa
qubee afaan Oromoo Dr. Haayilee Fidaa tolche ofitti fudhachuun, bara 1974 1991, diree bilisoome keessatti
ittin hojjechuun bara 1991 irraa eegale gutummaa biyya Oromoo kessatti hojii irra akka oluu taasiseef. Lubbuun
gootolii kumaatama hedduu itti wareegamuudhaan afaan Oromoo sadarkaa barrefamuu fi dubbifamu itti oli
guddachuu dandayeera. Injjifannoon lafee qabsaawota bilisummaa irratti hundaawe kun yoo sirnaan tikfamuu

baateef bara ammaa kanasi toftaa dhokfaman fayyadamuudhaan adeemsa acuccaa yeroo dheraa kessa
sadarkaa afaan Oromoo gadi xiqeesuuf dinni sagantaa baafatee sochowaa jira.
Bara 1991 irraa eegalee mu`llinaa fi toftaa dhokfameen afaan Oromoo irratti acuccaa geggefamaa jiranu kessaa
warri gurguddoo armaan gaditti tarreefamaniru:
(1ffaa) Ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee kessa jiraatan mirga afaan Oromoon barachuu dhorkatamuu
(2ffaa) Afaan Oromoo akka afaan hojii motummaa Itiyophiyaa ta`uf yaada dhiyaate fudhachuu diduu
(3ffaa) Lafa baroota dheeraa uummati Oromoo dhalootaan irra jiraataa jiru kan nannoo magaalaa fi baadiyaa
hatuun (saamuun) daldaaltoota itti gurgurachuun uummata milyoona hedduu hundeen buqisuun jireenya
dinagidee fi hawaasummaa uummatichaa jeequudhaan bittinaawu fi godaantummaaf saaxiluu dha. Qabiyeen
lafaa fi mallattolee (afaan, aadaa, fi seenaa) uummati lafa sani irra jiraatuu uumamaan walitti waan hidhamaniif,
uummati lafa irraa buqaafamuu wajjin mallattolee (afaan, aadaa, fi seenaa) uummatichi ittiin baroota dheeraaf
beekamaa ture buqqiifamuun badiisa deebii hin qabneef saaxilamu.
Jalqaba jaarraa 20ffaa irraa eegalee afaan fi aadaa Oromoo hundeedha buqqisuun magaloota Habashaa biyya
Oromoo keessatti hundessuu fi baba`llisuun fufinsaan geggefamaa jira. Bara 1889 hanga bara 1991 quphsuma
waraana Habashaa irratti magaaloota habashooman hundeessuu, guddisuu, fi baba`llisuu keessaan afaan fi
aadaa Oromoo gutummaatti dhabamsisuun tarsimoo motoota Itiyophiyaa baroota darbanii ture. Bara 1991
booda saamiicha qabenya uumamaa, kessumaa qabiyee lafaa, sdarkaa oliitti geggesuudhan guddina dinagidee
fi siyaasaa kan oli`aantummaa gartuu Habashaa tiksu argamsiisuu keessaan afaan fi aadaa Oromoo toftaan
adeemsa keessa gadi xiqeessuun gara hojiitti hikamuu erga jalqabee waggoota 20 lakkofsiseera8. Fakkenyaaf
guddina dinagidee sababaa godhachuun biyya Oromoo keessatti magaaloota Habashaa baba`llisuu keessaan
afaan fi aadaa Oromoo dhabamsisuudhaan afaan fi aadaa Habashaa dagaagsuun ba`llinaan geggefamaa jira.
Akkasumasi uummata kitila hedduu lafa baadiyyaa irraa suuta sutaan buqqisuudhaan quphsuma warshaalee
qonnaa baballisuu keessaan baroota dhufan magaaloota Habashaa haarawaa hundeessuu fi baba`llisuun
tarsimaawee qindoomina addaan, motummaa Habashaa gartuu Tigiraayiin dhuunfatameen, hogganamaa jira.
Itiyophiyaa keessatti mirigooti afaan, aadaa, fi seenaa (ibsaan sabummaa) uummatoota cunqurfamoo yeroof
waan kabajaman fakkeefamnis baalaa dhokatoof saaxilamaniru. Afaan Oromoo fi afaan hedduun kibba
Itiyophiyaa keessatti dubbatamaa jiran gara dhuma jarraa 21ffaa keessa balaa gadi-xiqaachuu kaasee hanga
gutummaatti dhabamuuf saaxilamaniru. Sabummaan uummata kamiiyyuu afaan, aadaa, fi seenaa irratti
hundaawee jiraata. Utubaaleen sabummaa kun sadanuu walitti hidhamaniru. Yoo afaan hin jiraaneef aadaa fi
seenaa qofaatiin sabummaa ijaaruun hin dandayaamu. Argamuu (dhalachuu) afaanii boodaan aadaa fi seenaan
biqilanii guddaachaa fi babalachaa adeemu. Hundeen oromummaa afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo ta`uun
beekamaa dha. Uummati yeroo lafa baroota dheeraa irra jiratee irraa buqifamuu: afaan, aadaa, fi seenaa
uummatichi baroota dheeraa laficha irratti barreesse waliin buqqifamu8. Kanaaf fakenyoota hedduu keessaa
magaalaa Finfinnee sadarkaa tokkoffaa irratti argama. Biyya Oromoo keessatti magaalota gurgguddoo
hundeefaman keessaa hedduun oromummaa hundeetti buqqisudhaan habashummaa biyya Oromoo keessatti
hundeessaa, guddisaa, fi baballisaa adeeman.
5

Lammiin Oromoo kamuu afaan Oromoo (hundee Oromummaa) tiksuu fi guddisuu irratti xiyyeefachuun hedduu
barbaachisaa dha, sababaa bara ammaasi afaan Oromoo irratti shirraa hamtuun motummaa Habashaan
xaxamaa jiruuf. Kanaafuu sadarkaa afaan Oromoo oli kaasuuf bara 1991 irraa eegalee sochiileen qabsoo
bilisummaa afaan Oromoo dhaloota qubee afaan Oromoo barreesuu fi dubbisuun geggefamaa jiru uummata
Oromoo boonsee fi diina ammoo naasiseera. Sagantaan afaan Oromoo tiksuu fi guddisuu bara ammaa dhaloota
haaraween qopheefamu eegale jajjabeefamuun yoo ba`llinaan gara hojiitti hikamuuf milkaawee: balaa afaan
Oromoo irratti motummaa Habashaan saganteefame ni fashaleessa. Biyya Oromoo fi biyya alagaa keessatti
ilamaan Oromoo dhalatan salphaatti afaan Oromoo akka barataniif meeshaalee barnootaa haayyonni Oromoo,
fakkenyaaf profosor Beekan Gulummaa, obbo Gammadaa Nuuree, luba Tazgaraa Hirphoo, addee Toltuu Tufaa,
fi obbo Zalaalem Abarraa bara ammaa qopheesuu eegalan fufiinsa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo ti.
Akkasumasi meeshaalee sabqunamtii adda addaa fayyadamuun tamsaasi odeefannoo afaan Oromoo
guddachaa adeemuu irraa jaarmiyaa Oromia Meidia Net dhalachuun guddinaa fi tikfamuu afaan Oromoof
daandiin saaqamuu agarsiisa. Uummati Oromoo bakka kamuu jiraatuu sagantaalee afaan Oromoo kunuunsan
keessatti hirmaachuu eegaluun isaanii lammii Oromoo hedduu kan gammachiisee fi diina ammo kan qaanessee
dha. Sagantaalee qabsoo afaan Oromoo gutummaan ofitti fudhatuun qindoomina gadi-fagaatee fi ba`llateen
gara hojiitti hiikuuf lammiin Oromoo ofi qopheessun bara kamuu caalaa bara kana barbaachiseera.

5. Xummura
Sabooti aangoo waraanaa, siyaasaa, fi dinagidee ofi harkaa hin qabne, afaan isaanii acucamuu irraa eegalee
hanga gutummatti dhabmuuf saaxilamuun biyya lafaa kana irratti waan haaraa miti. Bara duri-durii irraa eegalee
motummaan aangoo waraanaan saba tokko gabiromfate afaan, aadaa, fi seenaa saba gabiromfamee sani lafa
irraa duguguun kan mootummicha aangoomeen bakka busuun fufinsaan tofitaalee adda addaa fayyadamuun
biyya lafaa kana irratti raawatamaa turee fi jira. Motummoota Baabiloon fi Faareesi irraa jalqabee hanga
motummoota Romaa bara durii fi ammaa dabalatee uummatoota gabiroomfaman irratti acuccaa gosootii mara
geggeesuudhaan mallattoole sabummaa uummatichaa gadi-xiqqessu yookin haquudhaan qabeenya uummata
gabiromee saamuun waanuma baratamee dha. Kanaafuu warri aangawee iyyata uummata acuucamee gurra
bitaan dhaggeefachaa gurra mirgaan guboo kosii keessatti facaasu. Yoo dhimmicha irraa dantaa argamuu malu
tilmaaman ammoo gagalagalchanii ilaaluu eegalu: akkasumasi dantaan kan jalaa xuqamu fakkaannaan, sababii
tolfachuun waraana labsuun, jireenya uummataa nagaa diiguu aangoon isaan dhorku hin jiru yoo Waaqayyoo
ta`ee malee. Fakkenyaaf motummaa Itiyophiyaa warra Tigrayiin durfamu yoo xiqaateef namoota sivilii kuuma
shantamii jahaa (56,000) ajjeeseera meeshaa waraanaa itti dhukaasuun bara 1992 irraa eegalee hanga 2016 8.
Garuu jaarmiyaan mirgoota dhala-namaa kan dhaabbata motummoota gamtaawan jalattii hojjetu maaliif
yaakkoota motummaa Itiyophiyaan dalagame kana gara mana murtii adunyaatti hin dabarsine?
Uummati jabaan yeroo fi bakka hundaattii qabsoo golee maraa geggesuudhaan diiggaa diinni irratti labse ofi
irraa qolachuudhaan mallattolee sabummaa (afaan, aadaa fi seenaa) ofii guddifachu fi tikfachuu ni dandawa.
Kanaaf fakkenya jiraataa ta`ee kan biyya lafaa kessatti argame saba Israa`el. Motummoota angawoo bara duriin
(Babiloon fi Romaa) duula qindeessaniin biyyi Israa`el diigamuun goosoti Israa`el kudha lamaanuu biyya lafaa
6

irra facawanis sabummaa Israa`el gutummaatti lafa irraa dhabamsisuun hin dandayamne: waan sabi kun biyya
itti godaane maratti aafaan, aadaa, fi seenaa ofii hin hiraanfatneef. Biyya baroota dheeraaf duraa fudhatamee
ture, Israa`el falmatee ofi harkatti deebifachuuf, mallattolee sabummaa ummatichi qabatee jiraachuun ragaa
sadarkaa olii ta`ee gargaareera. Kaanaafuu uummati kamuu yeroo fi bakka hundaatti cichoominaan qabsoo
golee maraa yoo geggesseef aangoo badiisaa ofi-tultootaan irratti labsame ofi irraa qolachuu ni dandaya.
Jarraa tokko (waggoota 100) oliif uummati Oromo erga qabsoo bilisummaa geggessen booda afaan Oromoo
badiisa irraa baraarun golaa baasuun haala saayinsaween (qaromeen) meeshaa barnotaa, hojii, fi qorannoo
taasiseera. Adeemsa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti milkoominni hangi argamee jiru kun hundee
siyaasaa motummaa Habashaa jeequu dandaeera. Dhalooti bara ammaa fi gara fuula-duraa buuura lafee
qabsaawota bilisummaa Oromoo irratti hundaawe kana irra dhaabbachuun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo
galma xummuraan gahuuf hirmannaa isaanii guddisuun baayyisee barbaachisaa dha. Keessumaa uummati
Oromoo biyyoota adda addaa keessa facawee jiraatu sadarkaalee jaarmiyaa itti ijaaramuun afaan, seenaa, fi
aadaa Oromoo dhaloota fufu barsiisuun hedduu barbaachiisa. Akkasumasi qabsoo bilisummaa golee maraan
geggefamaa jiru kessatti lammiin Oromoo martinuu yoo hirmaataniif bilisummaa Oromoo fi walabummaa biyya
Oromoo argamu keessaan afaan, aadaa, fi seenaan Oromoo tikfamuudhaan daran guddachuuf milkaawu.

Ragaalee
1. 6Africa com 2016. How Many Languages of Africa Are There? http://www.africa.com/many-africanlanguages/
2. 10Danuu G. 2004. Wangeelli Kiristoos Attamitti nu bira gae (1899-1991). Najjoo, Itophiyaa.
3. 4Emily Underwood, 2014. Languages are being wiped out by economic growth.
http://www.sciencemag.org/news/2014/09/languages-are-being-wiped-out-economic-growth
4. 1Grimes 1986, 1995 in SIL international 2016. Ethnologue, Languages of the world, Summary by world
area. http://www.ethnologue.com/statistics
5. 11Hassan M fi Maatii D. 2008. Goota Oromiyaa. Oromia publishing LLC. Atlanat Georgia.
6. 2John Nobel Wilford, 2007. Worlds languages dying off rapidly.
http://www.nytimes.com/2007/09/18/world/18cnd-language.html?_r=0
7. 9Malkamuu Jaatee, 2014. Bu`aa-ba`ii amna qabsoo bilisummaa Oromoo kaleessaa, haraa fi borii.
Kyagaba& Sons graphics, Kampala, Uganda
8. 12Malkamuu Jaatee and Anywaa Survival Organization, 2016. Land Grabbing and Violations of Human
Rights in Ethiopia. http://genocidewatch.net/2016/02/01/land-grabbing-in-ethiopia/
9. 7Oromia Media Net, 2014. Oromia Media Network will be inaugurated on March 1, 2014.
https://www.oromiamedia.org/2014/02/21/statement-executive-director/
10. 5Oromia Media Net, 2015. Haile Fida Kuma: the Father of Qubee Afaan Oromo.
https://oromedia.net/haile-fida-kuma-the-father-of-qubee-afaan-oromo/
11. 8Tasgaraa Hirphoo, 1999. Abbaa Gammachiis, Oneesimos Nasib nama Biyya Oromoo, ergamaa
wangelaa (1850 1931). Mana-maxxansaa Bolee, Finfinee.
12. 3UNESCO, 2016. Endangered languages. http://www.unesco.org/new/en/culture/themes/endangeredlanguages/

S-ar putea să vă placă și