Sunteți pe pagina 1din 39

BOQONNAA TOKKO

1. SEENSA

1.1 Seenduubee qorannichaa

Ogbarruunogummaabarreeffamaa keessaaisatokko.Innis jechootafilatamoo,human


qabeesjechootamimmiidhagoota’anittfayyadamuunjiruufijireenyahawaasa tokko
suurakaaseehawaasichaafmudannoo fi
muuxannoohubannaadhalanamaakeessattiisaanmudateyookaanisaanqunnamekeessadarbee kan
ittincalaqqisiisuogbarruundaawitiihawaasaati.

Ogbarruunhawaasahundakeessaattifurtuudhimmahawaasaayookaanrakkooilmanamaa tokko
akkata’e kan mul’isuu fi
isahawaasniittiindhimmabahusta’eeittiinibsamuogbarruudhaani.yaadaAsaffaan (2009:22)
irrattibileenkiinwabeeffachuunogbarruuyoo ibsu’’ literature the lest and highest exoression of the
truth people manitested in words in organic contunit of development of thinesthat gives its
characteristics and which at the some time distinguish it from oral written tradition
“waraabbiinkunis kan ibsuogbarruunyaadahambaahawaasaaisaolaanaa kan
jechaanibsamu,addaosoohincitiingegeeddaramaa fi fofooyya’aalufuu fi
fufuisaatiinisduudhaaafaanummaa fi barreeffamaaddaabahuuisaamul’isudha.

Melakenh(1999:1)ogbarruuyooibsuakkas jedha”literature is a creat work of art which express the


truth of experience interms of beauty to be comprehenced and it is a means of communicating
idea of intellectual and social significance” jechuunogbarruuqabatajechuu fi jireenya mala
sonaaadaa fi hawaasummaaittiindabarsan kan ta’eogummaailmanamaata’uuisaati.
Akkasumasogummaakalaqaa fi ogummaawaauumuuta’ee kan muuxannoojiruu fi
jireenyahawaasaaittiinto’annubu’uuressuu fi
miidhagseemul’isudha.ogbarruunwaa’eeadunyaadhugaa kan
ibsukaraaleediraamaa,walaloo,asoosamadheeraa fi asoosamagabaabaafa’aadha.

Alica( 1996:360)irrattiyoo ibsu”people write literature to say some thing about life through
drama,novel,shortstory,epicpoetry,lyric and etc
1
“.Akkayaadahayyuukanaatti,namoonniogbarruubarreessuunwaa’eejireenyaaasoosamaayoohimuu
barbaadanKaraaleediraamaan,asoosamadheeraan,asoosamagabaabaanippiikiin,walalooliitirikiin
,….niin. yaannikunis kan mul’isu,ogbarruundameewwanaddaaddaaqabaachuu fi
karaaleedameewwanisaatiintajaajilakennuuisaati.Akkasumasogbarruukeessaaogwalaloonisa
tokko dha.

Ogwalaloon dame ogbarruukeessaaisa tokko yommuuta’u,hiikaisaafhayyoonnihiikayommuu


dhiyeessan”poeter is a most beautiful the most impressive and the most effective mode of selfing
things “ Melakneh(2008:49) jechuunogwalaloonkaraabaay’eemiidhagaa, gammachiisuu fi
baay,eecimaa kan ittiinibsannuakkata’eibsa.

Ogwalaloon gocha yookaan wanta tokko galmaa fi unka itti godhee kan guddisee mul’isu, yaada
jabeessee kan dhiyeessu,danda’uu fi filannoo jechoota muraasaatiin ergaa bal’aa kan dabarsudha.
Ogwalaloon dame ogbarruu keessaa tokko ta’ee miseensota ogwalaloo kan qabudha.ergaan
miseensota ogwalaloo keessaa tokko kan ta’ee fi dameewwan ogbarruu keessatti kan
argamudha.

Maalummaa ergaa ilaalchisee alican (1991:147) ibsutti “theme is the main idea that the writers of
literature work communicate to the readers” jechuun ibsa .kana jechuun ergaan yaada ijoo hojii
ogbarruu ta’ee karaa ittiin barreessaan dhaggeeffattoota yookiin daawwattoota waliin ittin
walqunnamanidha. Akkayaada hayyuu kanaatti ,ergaan dhimma cimaa barreessaan waan taajjabe
dhaamuu barbaadu akkasumas dubbii ijoo dhaggeeffattoota walitti fidee, qunnamsiisuu kan
danda’u ta’uu isaa yaada armaan oliiirraa hubachuun ni danda’ama.

Walumaa galatti ergaa jechuun barreessaan yaada, hawwii, fedhiiisaa fi beekumsa mataa isaatti
gargaaramuun dhaggeeffattootaaf yookaan daawwattootaaf ittiin dabarsudha. Innis
daawwwattoonni yookaan dhaggeeffattoonni yaada darbe sana haala salphaan hubatamuu fi hin
hubatamne ta’uu ni danda’a. Kanaaf ergaa yaada ijoo hojii ogbarruu tokko keessatti argamudha.

Qorattuun kunis miseensota ogwalaloo keessaa ergaa ogwalaloo anaaniyaa, karaalee garaagaraan
dabarsuu barbaadde yookiin yaadde qaaccessuu fi ergaan gosoonni ogbarruu kanneen biroon akkaataa
isaan itti ergaa dabarsan garaagara ta’uun baramee ogwalaloon kunis bifa miira namaa tuquun yaadota
hedduu jechoota muraasatti fayyadamuun dhimma isaa dabarfata.

2
Kanaafuu qorattuun kunis ogwalaloo asaffaatafarraan (1998) barreeffame ogwalaloo anaaniyaa gama
adda addaan qooddee qeequun qaaccessitee jirti.

1.2 Ka’umsa Qorannichaa

Ogbarruun tokko irra caalaatti fudhatamummaa fi dhugummaa isaa haalaan dabaluuf


qaaccessuun barbaachisaadha. Cuddon ( 1999:207) irratti yoo ibsu” criticism is art science of
literature criticism is delayed to the combination and analyses to the interpretation and
evaluation work of literature “ jedha. Kanaa jechuun qaaccessi ogummaa saayinsawaa ogbarruu
ta’ee karaa hojiilee ogbarruutif hiika itti laatani fi ittin madaalan ta’uu isaa nu hubachisa.
Kanaafuu ogbarruun oromoos miidhaa mootolee durii jalaa bahee kan guddatu yoo qaaccessa
qabaatedha.

Akka walii galaatti yoo ilaallu, ogbarruun oromoo kan baay’ee guddate miti. Kanaaf qorattuun
kunis ogbarruun oromoo akkuma kan warra kaawwani iguddachuuf qorannoo
isabarbaachisawaan ta’eef, ogwalaloon oromoo kan ta’e walaloo anaaniyaa kan jedhamu gama
ergaa isaatiin qaaccessitee jirti. Haaluma kanaan qorannoon haarofni kunis gaaffilee bu’uuraa
armaa gadiitti dhiyaataniif deebii kenneera.

1.ergaan walaloo anaaniyaa dabarsu xiyyeeffannoo isaa guddaan maalii?


2.ergaan walaloo anaaniyaa dhugaa jireenya hawaasaa waliin walqabataa?
3.barreessaan walaloo anaaniyaa ergaa walalichaa dabarsuuf qabiyyeewwan inni itti
fayyadame maal fa’aadhaa?

1.3 Kaayyoo Qorannichaa


Kaayyoon qorannoo kanaa karaa lamaan dhiyaata.innis kaayyoo gooroo fi kaayyoo gooree
jedhamu

1.3.1kaayyoo Gooroo Qorannichaa

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa ergaa ogwalaloo anaaniyaa qaaccessuudha.

3
1.3.2 Kaayyoo Gooree Qorannichaa

Qorannoo kana keessatti kaayyoon gooree qorannichaa kanneen armaan gadiiti.

1.ergaa walaloo anaaniyaa dabarsu xiyyeeffannoon isaa maal akka ta’e ibsu.
2.ergaan walaloo anaaniyaa dhugaa jireenya hawaasaa waliin akka walqabatu addeessu
3.barreessaan walaloo anaaniyaa ergaa walalichaa dabarsuuf qabiyyeewwan akkamii akka
gargaarame ibsu

1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon kun yeroo dalagamee xumuramutti fayidaa armaan gadii qabaachuu ni danda’a.

 Ergaa waloon walaloo isaa keessatti dabarfachuu barbaade jamaan akka hubatuuf ni
gargaara.
 qorattoota ogwalaloo irratti hojjechuu barbaadaniif karaa ni saaqa.
 Barattoota mana dubbisaa yuunivarsitii diillaatti gargaaramaniif akka madda
odeeffannootti ni gargaara.

dandeettiiwwan walaloo barreessuu fis ta’e qaaccessuuf namoota fedhii qabaniif karaa itti
agarsiisa jedhamee yaadama.

1.5 Daangaa Qorannichaa

Qorannoon kunis dameewwan ogwalaloo keessaa walaloo anaaniyaa fudhachuun ergaa


walalichaa qaaccessuudha. Sababiin ergaa qofa irratt ixiyyeeffattee fis ogwalaloon miseensota
garagaraa waan of keessaa qabuu fi miseensota isaa hunda si’a tokkotti qaaccessuun waan
ulfaatuufi.

1.6 Hanqina Qorannichaa

4
Qorannoon tokko yeroo adeemsifamu hanqina garaagaraatu nama mudachuu danda’a. Kanaaf
qorannoon kun yeroo adeemsifamu irratti hanqinoonni jiran akka ijootti qorattuu mudatan
kanneen armaan gadiiti.

Qorannoon kun yommuu adeemsiftu hanqina yeroo fi hir’inni kitaabolee qorattuu mudachuu ni
danda’u.

Waa’ee ogwalaloo afaan oromoo ilaalchisee kanaan dura qorannoon bal’inaan irratti
gaggeeffamuu dhabamuun qorattuu kanas rakkisuu ni danda’a.kanaaf,qorattuun kun tooftaalee
mataa ishee, karoora gargaaramuun namoota, waliin walitti dhufeenya gaarii uumuu fi
sakatta’insa gaggeessuun hanqinoota kanneen furuun qorannoo kanas galmaan geessisteetti.

1.7 Malleen Qorannichaa

Qorannoo tokko gaggeessuuf mala qorannichaitti adeemsifamu murteeffachuun bu’uura


jalqabaati. Qorannoon kunis mala qorannoo addeessaa gargaaramuun kan gaggeeffamudha.
Adunyaan(2011:71) irratti malleen qorannoo jiran keessaa isa filatamaadha .jedha. Sababiin
malli kun filatameefis gaaffilee adda addaa kaasuun gadi fageenyaan waan ibsuufi.Qorattuun
kunis ergaa ogwalaloo anaaniyaa gadi fageenyaan ilaaluun qaaccesitee jirti.

1.7.1 Madda Odeeffannoo

Qorannoo kana gaggeessuuf akka madda ragaatti qorattuun gargaaramtu maddoota sadarkaa
lammaffaati. Maddoonni kunneenis kitaabilee adda addaa gadi fageenyaan dubbisuu fi
sakatta’uun akkasumas qorannoowwan duraan hojjetaman kanneen adda addaa fayyadamuun
qorannoo kana gaggeessee yookaan galmaan ga’eera.

1.7.2 Meeshaalee Funaansa Ragaa

Qorannoo kana gaggeessuuf meeshaaleen ittin raga funaante kanneen armaan gadiiti.

1.7.2.1 Sakatta’a Galmee

Qorannoon kun maddoota odeeffannoo sadarkaa lammaffatti dhimma bahuun sakatta’inni


galmee barreeffamoota akkaa odeeffannoo qorannooti itti nama fayyadan hedduutu jira. Isaan
keessaa kanneen akka kitaabotaa, xalayoota, gaazexaa,barruulee adda addaa, waraqaa raga, na

5
gahee, ajandaa, qabooyaa’ii, barreeffama murtii yaadannoo ta’uu danda’u. Dastaa (2012:131)
qorattuun kunis galmeewwan adda addaa sakatta’uun ergaa walaloo anaaniyaa qaaccessitee jirti.

1.7.3 Adeemsa Qaaccessa Ragaa

Qorannoo kana gaggeessuuf malleen qorannoo jiranii fi meeshaalee funaansa ragaatiin


odeeffannoowwan argaman kan argamanidha.odeeffannoowwan argaman kanas dhiyeessuun
hiikni itti ni kennama. Yaada armaan olii kana kan deeggaru, Adunyaan (2011:71) yommuu ibsu
mala qaaccessaa odeeffannoo qorannoo akkamtaa yookiin qulqulleeffataa yommuu
ibsu”qaaccessa odeeffannoo akkamtaa keessatti odeeffannicha qopheeffachuun irra deddeebi’iin
dubbisuun keessa isaa baruu, qoqqooduu, ibsuu fi hiikuun adeemsa qorataan tokko hordofuu
qabu keessaa warra muraasa” jedhuun ibseera.

Yaada kana bu.uureffachuun qorattuun qorannoo kana ogwalaloo “ergaa walaloo


anaaniyaa”dhuunfachuun irra deddeebitee dubbisuun mata duree baay’ee jiran keessaa kudha
lama, fudhachuun filattee irratti ergaawwan gama diinagdeen , hawaasummaan, aadaan, seenaan,
gaddaa fi gammachuu hawaasa sana, jaalala fi jibbatti qoqqooduun qaaccessitee kan
dhiyeessitedha.

6
BOQONNAA LAMA

SAKATA'A BARRUU

2.1 Maalummaa Ogwalaloo

Ogwalaloon akaakuu ogbarruu umurii dheeraa qabudha.Abbummaan ogwalaloo namoota


baratanis ta'e namoota hin baratin ta'uu mala. Umuriidheeraa qabaachuun ammo hiika adda
addaa akka qabaatu taasiseera.Sababiin saas akkuma xiyyeeffannoon, falaasamnii fi ilaalchi
walaleessitoota hayyoota ogwalaloon jijjiiramuu hiiknan hunda galeessi kennamuu hin
dandeenye. Ogwalaloon sanyii ogbarruu dur jiru, kan ilmoon namaa gaddaafi gammachuu,
hawwii fi fedhii haala jireenyaa fi muuxannoo isaa weelluu, geerarsa, sirbaa ittin ibsaachaa jiruu
fi turedha. Misgaanuu (2012:29)

Ogwalaloon karaa baay’ee miidhagaa, baay’ee ajaa’ibsiisaa fi baay’ee human qabeessa, waan
ittiin jennu yookaan ibsanuufi waan nuttii dhaga’ame haala keessa jirru, haala hawaasni keessa
jiru ittin calaqqisiisanidha. Ogwalaloon gochaa yookaan waan tokko bifa itti godhee fi guddisee
kan mul’isu, yaada jabeesseefi guddisee dhiyeessuu kan danda’uu, jechoota filatamoo muraasaan
waan bal’aa walitti qabee kaa’uu fi weelluun dhiyyeessuun bifa muuziqaa itti uumee haala miira
keenyatti dhiyeenya qabuun kan barraa’uu fi waanti ifa hin ba’in akka ifa ba’u, kan darbe akka
waan amma jiruutti, kan dulloome haaraa fakkaatee akka mul’atu kan taasisuudha. Kunis,
jechoota filatamoo fayyadammuunidha.

Ogwalaloon rukkuttaa mana isaa eguun tartiiban jechoota kan hiriirsuu ta’e sagaloonni yommuu
irraa dedebi’an gidduu fi dhuma sararoota walalichaa irraatti kan muldhatuudha. (World book
encycleopedin.1994)

7
Walumagalatti ogwalaloon waan tokko yookaan gocha tokko guddisee, qalama dibee, ibsaan
irratti ibsee, cimsee fi gabaabsee, jechoota filatatamoo ta’anin kan qindeessee dhiyeessu ta’uusaa
hubannaa. Ogbarruu baay’ee koobamaa jechoota muraasaan waan baay’ee jechuu danda’uudha.
Gosootaa ogbarruu biroo caalaa jechootaa human qabeeyyiitti Kan fayyadamuufi sararoonnisaa
yaada ibsamusan wal irraa butanii fi wal gargarranii irratti xiyyeeffachuun kan ifa taasisaniidha.

2.2 Faayidaa Ogwalaloo

Ogwalaloon waa’ee jiruuf fi jireenyaa dhala mana hundaa kan tuttuuquu danda’uudha.
Ogwalaloon jechoota yookin unka gabaabaa ta’us ergaan inni dabarsu baay’ee
bal’aadha.Ogwalaloon jechoota baay’ee gaarii, tartiiba baay’ee ajaa’ibsiisa fi baayee human
qabeessa waan ittin ibsinudha. Dhimmooni ogwalaloo keessatti itti ibsachuu dandeenyuu
hawwii, fedhii, barbaachaa fi dhageettin keessa dhala nama ogwalaloon ifa ba’a.

Waluma galatti akka yaada Misgaanuutti (2011:58) ogwalaloon faayidaawwan hedduu kan
qabu yoo ta’uu faayidaalee gurguuddoon kaneen arman gaditti.

1, Yaada Keenya Dhageessisuu

Guyyaadhaa gara guyyaatti dhala namaatti waan hedduutu dhaga’amaa oola.Gaddas ta’ee
gammachuu, qeequufis ta’ee ceepha’uuf wanti dhala namaatti dhaga’amaa ooluu wantootaa
hedduudha.Gochawwan kunneen immoo wantoota yaada keenya keessatti dhaga’aaman keessaa
isaan muraasadha. Wantoota nu kessatti dhaga’aman kan ammo hawaasni tokko yerootti
walalootti fayyadamuun yaadasaa kan dhageessifataantu argama. Kanarra kaa’uunis ogwalaloon
Karalee nuuyi ittiin waan keessa keenyatti kuufaman kan ittin futtaafannudha nama jechisiisa.

Haaluma kanaan dhalli namaa dhimoota adda addaarratti haala itti fufinsa qabuun yaada. Waan
kan ta’eefis isa kana walalootti fayyadamuun waan itti dhaga’amee fi amantaa isaa dhageessisa.
Aarii fi gammachuu, dhiphinaa fi soda qabu kan ittin ibsatudha. Gammachuu ( 2001:47).

2 Haqa Ifa Baasuu

Walaloon haqa uummata giddu jiru tokko ifa baasuuf akka meeshaa olaanaatti gargaara.Haqni
nuti jennu kunis, waa’ee aadaa, seenaa, duudhaa, dhuftee, eenyummaa, dingagdee,
malaammaltuummaa fi siiyasaarratti xiyyeeffachuu danda’a.

8
Walaloon dhimmootaa dhoksaatti namamiidhuu yookan nama fayyaduu danda’an dhugaa jiruun
walqabsiisuun haala kessa namatti dhaga’amuun jechoota filatamootti fayyadamuun ifatti
baasuuf human qaba. Misgaanuu (2012:34)

3 Miidhagina Ibsuuf

Ogwalaloon aadaa fi safuu hawachiisaa miidhagsee hawaasa biroof yookan dabarsuusa kan
ilaalatudha.Ogwalaloon karaa miidhaginaa fi miira ofii ibsaniidha. Ogwalaloo keessatti wantoota
qabatamaan hin jedhamne akka xiinxallu nu taasisa.Ogwalaloo keessaa ergaan jiru dhaggeeffataa
yookaan dubbisaa keessa bifa miidhagina qabuun seena.

Dhimmi walaloo tokkoof miidhagummaasaa mirkaneessuu dubbii qoolaa qabaachuuf filannoo


jechootasaatidha. Misgaanuu (2015:5)

4 Raawwiiwaan Seenaa Agarsiisu

Raawwiiwwan seenaa ta’iiwwan yookaan goochaalee hawaasa tokko kessatti rawwatamaa turan
bifa walalootiin kan ibsamaa turan kan bakka bu’u agarsiisa. Isaan kunneenis bifa sirbaan,
geerarsaatiin miira kessa isaanii dabalata kalaqii sammuu faana yeroo ibsatanidha.

Walumaagalatti ogwalaloon faayidalee garagara akka qabu armaan olitti ibsamera. Isaan
ibsaman kan qofa osoo hin tanee ogwalaloon dawiitii beekumsi fi faalsamni hawaasa tokko
keessatti muldhatuu fi kan dhalootaa irraa dhalootati darbuu, qabeenya, qoratamuu qabu kan
eenyuma fi sadarkaa qarominaa saba tokko agarsisuu jechunis in danda’ama.

2.3 Gosoota Ogwalaloo

Ogwalaloon gosoota ogbarruu keessa tokko ta’e gosoota gurguddoo sadii of keessa kanq
qabudha. Yyaaduma kana bu’uureffachuun Amchin,(1981:222) akka ibsutti. << Poetry can be
divided into three categories: narrative poem, lyxic poem, and dramatic poem>> akkuma ibsuuf
yaalametti walaloon kunis walaloo seenessaa, walaloo liitirikii, walaloo dramatikii akka ta’e
ibseera.

9
Gosootni Ogwalaloo kun sadii ta’u hayyoonni biroosni mirkaneessuu. Misgaanuu (2012:14)
akka ibsuutti, “ogwalaloo barreeffamaanis ta’e barreeffamuuf jiran akka walii gaalaatti iddo sadii
qonee ilaaluu danddnya” jedha.Isaanisogwalaloo seeneessa, walaloo hitirikii fi walaloo diramaa
jechuun bakka sadiitti qooduun ka’erraa.

2.3.1 Ogwalaloo Seenessaa

Ogwalaloon seenessaa qaama ogwalaloo ta’ee isaa seenaa darbee haala mi’aa ta’een lubbu itti
horee salphisee kan dhiheessuudha. Yaaduma kana cimsuun <<poetry narraetive poem is letting
a story in verse usually more contemned with creating a vivid and complete emotional effective
>> Amchin, (1981:225). Yaada kanarraa kan hubannu ogwalaloon seenessaan seenaawwan
tokko dhiphisuun ciminaan kan dhiyyessudhaaf taatee nama onnachiisu kan of keessatti
qabaachuun seenaa waantokkoo kan himudha. Dabalataanis hayyuun kun yommuu ibsu
ogwalaloon seenessa keessatti seenessaan nama seena tokko himu ta,ee an ogummaa seenaa
himamu sanaa keessatti qooddataa ta,ee argamuudha. Ogbarruun akka diraama, walaloo fi
asoosama keessaattis akka mul,atu kan agarsiisudha.

2.3.2 Walaloo Liitirikii /Jaalala

Ogwalaloon liitirkii baay'ee keessaa qabeessaa fi amala sirba kan qabu waan tokko yookan
gochaa tokko balaalleeffachuuf bifa walaloo gabaabaa ta'een dubbii tokkon kan dhiyaatuudha.
Yaada kan deggarruun Miller.(1981:173) ogwalaloo liitirkii yoo ibsuu "lyric poem is a musical
instrument velars the general to song,suggesting brevity strongly musical component that a
significant of emotional." Yaada kannarraa akka hubannuuttii.Ogwalaloon liitirkii isaa amala
muuziqummaa qabuu fi hiikaa qabeessaa karaa gabaabinnaa qabuun dhiyaatuu akka ta'e ibsa.

Akkasumaas walaloon liitirkii barreessa waloon yaada keessaa isaa baasee karaa si'aawaa fi
amala muuziqummaa qabuun kan dhiyaatuu fi jechootaa keessaa fi ciminaa qabuun gabaabatee
kan ergaa qabuun kan dhiyaatuudha. Akkasumas ogwalaloon liitirkii walaloo sirboota jaalal

10
weelisan qindaa'is, irraa keessi jaalala yoo fakkaatees dhokataansaa garuu dhimmota siyaasa fi
diddaa hawaasa maran kan of keessatti qabatu ta'u hubana.

2.3.3 Walaloo Diraamaa

Ogwalaloon diraama gosa walaloo ta'e tooftaa tokkoo fi tokko ol fayyadammuun diraamaa
fakkeessuun tooftaa gargaaraamee diraamaa seenaa isaanii karaa haasa'aan yookaan dubbiin nuu
himuudha. Walaloon diraama hundi qooddataa kan qabu yommuu walaloon dhiyaatu
dhaggeeffattoonni calliinsaan kan dhaggeeffataan akka ta'e kan mul'isudha. Misgaanuu(2014:14)

Waliigalaatti, ogwalaloo hayyootin gargaaraa bakkeewwan sadan armaan olitti kan qooddaan
yoo ta'u, ogwalaloon gorowwan ogbarruu biroorraa kan adda taasisuu inni ijoon qusannoo afaani
qabachuu isaati. Kunis sababni isaa jechootni walaloon itti gargaaramuu filatamoo, qusatamoo fi
hudumamoo waan ta'anif dubbisuuf yeroo dheera kan hin fudhannee qusatamummaan kan
beekamuudha.

2.4 Amaloota Walaloo

Walaloon waa'ee jiruu fi jireenyaa ilma namaa keessan darban mi'essee lubbu itti horaa bifaa
namaa hawwatuun yommuu dhiyeessuu amala mata isaa danda'ee kan ittin nama si'eessuu qaba.
Misgaanuu (2011:58) akkasumas ogwalaloon akkuma gosoota ogbarruu biroo amaloota mataa
isaa kan qabuudha. Amalooni isaa kunis ogwalaloo gosoota ogbarruu warren kan irraa addan
baasuuf kan gargaaraniidha. kan malees, ogwalaloon ogummaa barreeffamaa ta'ee muudannoo
garagaraa kan namoota muudate duraa duubaan haala bareedina qabuun midhaaksee kan
dhiyeessuudha. Kan gochuufis, amaloota isaa kaneen akka mana rukkuttaa walqixxummaa,
yeedaloo fi filannoo jechootaa sammuu Nama keessatti suuraa kaasuu danda'an kan
fayyadamuudha. Amaloota ogwalaloo kanneenis haala armaan gadiitii ilaaluun ni danda'ama.

2.4.1 Rukkuttaa Manaa

Rukkuttaan manaaa ogwalaloofdhaaf amala bu'uuraa isaa hafuu hin qabneedha. Yaada kan
ilaalchisee Zarihuun.(1994:78) irratti yoo ibsu " ምም ምምም ምምም ምምምምም ምምም ምምም ምምም

11
ምም "jedha. Yaada kana irraas kan hubannuu rukkuttaan mana amala bu'uuraa
ogwalaloo hafuu hin qabne ta'uu isaati.

Rukuttaan mana dhugumaatti amala bu'uuraa jireenyaati. Qaama keenyaa keessattis irraa
deddeebiidhaan kan jiraatuufi oolmaan keenyaa keessaatis kan beeknu yoo ta'u, rukuttaa onnee
keenyaa, hafuura baafannaa fi tarkaanfii keenya irrattis kan mul'atuudha. Akkasumas
rukkukkattaan mana ogwalaloo keessatti irra deddeebii sagalee, jechootaa yookaan gaaleewwanii
murtaa'aa ta'ee fi qindoominaa gaaleewwani fi sararootaatin kan uumamuudha. Akkasumas
yeroo murta'aa tokko keessatti kan jedhamuudha.

Walumaa galatti rukkuttaan kan argamuu walqixxummaa birsagoonni, gaaleewwanii fi


sararootni qaban irraayi. Walqixxummaa yoo bade rukkuttaa mana ogwalaloos ni bada.
Rukkuttaan mana yoo bade immoo yeedaloo fi miirri muuziqummaa walalicha keessatti
barbaadamu hin argamu.rukuttaan manaa walaloo tokko kan sirriidha jennu yoo gaaleen tokko
jechuuf yookaan dubbisuuf baduu fi gaalee itti aanee dhufu dubbisuuf badu wal qixa yoo ta`e
qofadha.

2.4.2 Walqixxummaa

Walqixxummaan walaloo keessatti hanga gaalee fi birsagaa muteessuuf yookaan safaruuf kan
gargaaruudha. Yaada kana ilaalchisee Zarihuun,(1994:7) irraatti akka ibsetti,ምምምም ምምምም
ምምምምምምም ምም ምምም ምምምም ምምም ምምምም ምምም ምምምምም ምምምምም ምም ምምምምም
ምምምምምም ምምምም ምምም ምምምምም ምምምምምም ምም ምምም ምምምም jedha. Kana jechuunis
walqixxummaan walaloo tokkoo sirriidha kan jedhamuu yreoon gaalee tokko jechuuf yookaan
dubbisuuf fudhatuu fi yeroon gaalee itti aanee dhufu dubbisuuf fudhatu walqixa yoo ta’e
jechuudha.

2.4.3 Yeedaloo

Yeedaloon walaloo keessatti irra deddeebiin kan mul’atudha. Kunis ogwalaloo keessatti akka
dhahannaa onneetti miira keenyatti kan kan dhagahamuudha. Akkasumas rukkutan manatiif
walqixxummaan irra deddeebiin gaalee fi sararoota ogwalaloo keessatti yoo jiraate amala
muuziqummaa miira keenya kaasuu yeedaloon ni uumama. Diyaani (2002:601)

2.4.4 Filannoo Jechootaa

12
Ogwalaloon gosoota ogbarruu hundummaa caalaa jechootaa filatamoo kan barabaaduudha.
Jechoonni kuniinis jechoota sammuu namaa keessatti suuraa kaasuu danda’aanii kaayyoo
walalichaa galmaan gahuu danda’an kan ta’aniidha. Kan malees, ogwalaloon jechoota adda adda
cal’isee kan fayyadamu osoo hin taane, jechoota sirrii iddoo barbaachisaa ta’ettii galchuun jecha
tokko jecha biroo waliin, gaalee tokko isaa biro waliin hidhata qabaatee hiika akka qabaatuttii of-
eegannoon jechoota filatee kan itti fayyadamuudha.

Gama biraatiin ogwalaloon hin beekamne calaatti akka ifa ta’ee beekkamu, wanti darbe kan
amma jiru fakkaatee akka mul’atuu fi moofaa haarawa ta’ee akka mul’atu gochuudhaan wanta
tokko ifa taasisee kan agarsisuudha. Yaada kan ilaalchisee. Zarihuun (1994:82) irratti yoo
ibsu,ምም ምምም ምምምምምም ምምምም ምምም ምም ምምምምምም ምምምምም ምምም ምም ምምምምምም
ምምም ምም ምምምምም ምምምምም ምምምም ምምም ምምምምም ምምምምም ምምምምምምም ምምምምም
ምምምምም ምምም ምምምም jedha. Yaada kana irraas kan hubannu ogwalaloon jechoota filatamoo
wanta tokko ifa godhee agarsiisuu danda’u kan fayyadamu ta’uu isaati.

2.5 Qabiyyeewwan Ogwalaloo

Qabiyyeewwan ogwalaloo qabiyyeewwan ogwalaloo tokko of keessatti qabaachuun


danda'uudha.Isaanis ogwalaloo seeraan akka qindaa'uu fi miidhaagina akka qabaatu kanneen
taasisaanii dha. Qabiyyeewwan ogwalaloo kunneenis, sagalee dubbatan, haala dubbii,fakkii,
malleen dubbii, rukkuttaa manaa, xiin-himaa fi caasaa of keessatti qabaniidha. Diyaani
(2002:225)

2.5.1 Sagalee

Sagaleen qabiyyeewwan ogwalaloo keesssa tokko ta'ee yeroo dubbatan ogwalaloo dubbatu kan
namatti dhaga'amuudha. Kunis haala adeemsa olka'iinsaa fi gadi bu'iinsa sagalee dubbata kan
agarsiisuudha.Diyaani (2002.228)

2.5.2 Dubbataa

Dubbataan nama ogwalaloo dubbisuudha. Yaada kana ilaalchisee hayyoonni Miller fi Robert
(1988:20) irratti yommuu ibsan, "speaker, it is always in reading poem consider who is talking".
Kana irraa kan hubannu dubbataan yeroo baay'ee nama walaloo dubbisu ta'uu isaati

13
2.5.3 Haala Dubbii

Haala dubbii jechuun walaloo kamiyyuu yommuu dubbisnu akkamitti akka dubbisnuu fi hiikni
jechootaa maal akka ta'e beekuu jechuudha. Yaada kana ilaalchisee Diyaani (2002:695) irratti
yommuu ibsu, "In reading any poem it is necessary to know what the words imply or suggest."
Jechuun kaa'a.kana jechuun haala dubbii yeroo baay'ee walaloo kamuu yommuu dubbisnu
jechoonni maal akka jedhanii fi hiikni isaanii maal akka bakka bu'e beekuun barbaachisaa
ta'uusaa kan hubachiisuudha.

2.5.4 Fakkoommii

Cassidy(1992:703) irratti akka ibsutti, "In poetry an image is apicture made with words, poetic
images are usually visual, and the help us to form a mental portrait of what apoem is describing."
Jedha. Kana irraa kan hubannu ogwalaloo keessatti fakkiin jechaan wal qabsiifamuun kan
uumamuudha. Kana malees, fakkiin ogwalaloo yeroo baay'ee kan sirriitti mul'atuu fi sammuu
namaa keessatii suuraa kaasuun wanta walaloon sun bakka bu'ee ibsuu kan gargaaru ta'uu isaati.

2.5.5 Akkee/Akkasaa

Akkee jechuun wantoota amala walii isaanii fakkeessu qabanii fi adda adda ta'an wal
dorgomsiisuu kan yaada keenya ittin ibsannuu jechuudha.Yaada ilaalchisee, Addunyaa
(2014:208) irratti yommuu ibsuu akkasaan “gaalee akka isaa jedhuurraa ijarame. Tajaajilli isaas
ergaa baradame waan aadaa hawaasichaa keessatti beekamaa ta'e tokkon wal-cinaa qabuun
dhiyeessuun akka salphaatti hubatamu gochuudha "jedha.

2.5.6 Bakka Buusaa

Cassidy,(1991:203)irratti akka ibsutti "A metaphor is a figure of speech that makes an implied
comparison between two seemingly unlike things". Jedha. Kana hubannu bakka buusaan wanta
lama waliin dorgomsiisuun amala wal fakkaata Sana tokkoof kennuu akka ta'e mul'isuu isaati.

2.5.7 Mallattummaa

Mallattummaa ilaalchisee Diyaani(2002:715) irratti akka ibsuti " Asymbol is any object or action
that represents some things beyond itself." Jechuun ibsaa. Akkasumas mallattuman bakka

14
bu'uudha. Kan jechuun wanta qabatamaa tokko yookaan gocha tokko isa biroon bakka bu'ee
mul'ata akka qabaatutti ibsuu jechuudha.

2.5.8 Nameessaa

Nameessi akkuma maqaa isaarraa hubannuu lubbu qabeeyyii yookaan lubbu maleeyyii biro
amala namaa gonfachiisuudha. Haala kanaan, akka namaatti beela'anii akka hiiqaniifi akka
dalagan kan taasisu fayyadama afaanitti. Addunyaa.(2014:211)

2.5.9 Alliigorii

Diyaani (2002:715) irraatti akka ibsutti, "Alligory is a form of narrative in which people, places
and happening have hidden….."jedha. kunis Alliigoriin akkuma seenessaa kan ummanni wanta
dhokataa tokko al kallattiin qabatamaa godhee kan dhiyeessuu ta'uu isaa nuu hubachiisa.

2.5.10 Dhawaata

Dhawaatni walaloo keessatti irra deddeebiin kan mul'atuudha. Kunis akka dhahannaa onneetti
sarara ogwalaloo keessatti yeedaloo uumuun ka nutti dhagahamuudha. Yaada kana ilaalchisee
Diyaani,(2002:736) irratti yoo ibsu. "Rhythm refers to the regular recurrence of the accent or
stressing poem or song. It is the pulse or beet weal in phrase of music or a line of poetry." Jedha.
Yaada kana irraa kan hubannu dhawaatni ogwalaloo irraa deddeebiin gaalee keessatti kan
mul'atuu fi akka dhannaa onneetti kan gargaaruuf fi walaloo sirbaa keessatti yeedaloo kan uumu
ta'uu isaati.

2.5.11 Xiin-Hima

Xiin-hima akkaataa sirreeffama jechootaa. Hima,gaalee yookiin ciroo keessatti mul'atuudha.


Haala dubbii, caasaa, sagalee fi dhawaata, hiikaa fi dhageettii miiraa keessatii yaada ittin
ibsachuuf kan ittin fayyadamnuudha. Kana ilaalchisee Addunyaa. (2012:148) irratti yoo
ibsu,"xiin-himni dameewwan gooree xiinqooqaa keessa tokko ta'ee , akkaataa ittiin jechooni
filaatanii caasaa isaanirraa guddaa kaneen akka gaaleef fi ciroo isaarratan saayinsii qoratudha"
jedha.

2.5.12 Caasaa

15
Miller fi Robert, (1988:137) irratti yommuu ibsan akkas jechuun kaa'. Caasaan ijaarsa kutaa
ogwalaloo hubachuun sirritti kan barbaachisa fi akka walii galattii qabiyyeen walaloo walqabatni
hiikaa guutuu akka qabatani fi gargaaruu ta'uusaa kan nutti agarsiisuudha.

2.5.13 Allitireeshin

Ogwalaloo keessatti sagaleen dubbifamaa tokkoo irraa deddeebi'uun kan argamuudha. Irra
deebiin sagaleen kunis allitireeshiinii jedhama. Yaada kana ilaalchisee Cassidy,(1991:195) irratti
akka ibsutti "Allitration is the repeating if consonant sounds, most of them at the beginning of
words" jedha.

2.5.14 Assoonaansii

Assoonaansiin sarara walaloo tokkoo kessatti irra deedebii sagalee dubbachiftuuti. Yaada kana
deggaruun Diyaani (2002:730) irratti akka ibsetti << assonance is the reprasantation of sounds>>
jedha. Yaada kana irraa kan hubannu assoonaansiin irra deedebii sagalee dubbachiftuu ta’u
isaati.

2.5.15 Anoomatoophiya

Walaloo keessatti walalichaaf yeedaloo fi amala muuziqummaa kennuun miiraa dubbistoota kan
dhuunfatudha. Kunis sagaalee walfakkatuu gochichaan wal fakkeesuun kan ilaaludha. Yaada
kana caalaatti ibsuuf << onomatopoeia is the use of the word or phrase that actual imitates or
suggests the sound of what if describes the sound of his reflect on its meaning and help reads
imagine>> Miller,(1981:237) yaada kanarraa kan hubannu, walaloo keessatti jechi yookan
sagaleen walaloon ittiin uumamu dhugummaatti walalichaa kan akkeessuu jechis ittiin barra’ee
sagaleeffamuu fi wantichi kan bakka bu’u ta’uu isaa kan muldhisudha. Sagaleen sun immoo kan
hiika ilaalcha wanta sanaa kan ibsuuf gargaruu akka ta’e kan mulisuudha.

Waluma galatti ogwalaloon qabiyyeewwaan hedduu kan qabuu yommu ta’u, isaan keessaa
taateewwaan ogwalaloo keessatti argaman allitireeshinin, assoonaansii fi onoomatoophiyaan
yommuu ta’an gama dubbii qoolaatin immoo, akkeessa, nameessaa, bakka buusaa, fakkii

16
yommuu ta’an, inni biroon immoo xiyyeefannoon guddaan ogwalaloo tokko ergaa akka ta’ee
hubanna.

2.6 Maalummaa Ergaa

Hojii ogbarruu adda addaa kessatti ergaa yoo ilaallee kallattii fi haala garagaara ta’een
dhiyaachuu danda’a. Kun ammo ergaan hojii ogbarruu hunda keessatti kaayyoo yookan ergaan
kana irratti yaada hayyootaa yoo ilaallee, Malakneh (2008:189) <<The theme of the story is the
most significant aspects of the literary work and what the authoring to convey by writing the
work and theme will not by simple or abviou>> yaada kana irraa kan hubannu, ergaa hojii
ogbarruu tokk kessatti gaarii caaluu barbaachisaa akka ta’ee fi karaa salphaa hin ibsamne ta’ee
dhooksaan kan dhiyeessuu akka ta’ee mulise.

Eegaa ilaalchisee akka hayyuun Alicia (1991:147) ibsutti<<theme is the main idea the writers of
literary work communicate to the readers>> jechuun ibsa. Kana jechuun ergaan yaada ijoo hojii
ogbarruu ta’ee karaa ittin barreessaan dhageeffattoota yookan dawwatoota waliin ittiin
walqunnamnudha Akka yaada hayyuu kanatti, ergaan dhimma cimaa barreessaan waan taajjabee
dabarfaachuu barbaadu, akkasumas dubbii ijoo yookaan daandii barreessaa fi daawwatoota
walitti fide, qunnamsiisuu kan danda’u ta’uu isaa yaada oliirraa hubachuun ni danda’ama.

Akka waliigalatti, ergaan hojii ogbarruu ta’ee odeeffaannoo barreeffama keessatti karaa
dhookssaan barreessaan dabarsuu barbaade akkasumas gaaffii dhala nama kan hawaasa keessatti
mulatuu fi deebii hin arganee kan dhiyeessuudha. Akkasumas ergaan gooroo ogbarruu hundaa
keessatti kaayyoo tokko malee kan hin dhiyaannee fi yaada barreessaan arge tokko qabate kan
dhiyaatudha.

2.6.1 Dhaamsa Gama Dhiyaannaa Hawaasummaan

Akkuma calqaba ibsuuf yaalameeti ogbarruun ogummaa waa’ee hawaasa karaa adda addaan kan
dhiyaatudha. <<Dhiyaannan kun ogummaa aadaan, seenaan, siyaasaan fi hawaasummaan irratti
kan bu’uurreeffatudha>> jedha Gammadaan (2004:15)

Kun immoo kan xinxaaluu hawaasadha giddu galeessa godhachuun akkasumaas, haala jiruu
hawaasicha baasee kan dubistootaaf dhiyeessuudha. <<Analiysing and evaluating literature work
they usually recourse to the auther and to social condition at the time of its production and moral

17
effect on the reader>> yaada kanarra kan hubannu hojii ogbarruu tokko kessatti xinxaluu fi
hubachuun yaada barreessaan hawaasa giddu galeessa godhachuuf ta’insii yeroon kan wal
qabatuun kan kana dubbisaaf dhiyaatu akka ta’ee mulisa.

”Analyzing of the theme are showing on a variety of topics, such as; social, class education,
language, firend ship, poverty, courtes appearance and realists,” Holf(1989:1211). Yaada
kanarraa kan hubannu, qacceessaa dhamsa /ergaa gama hawaasummaa keessatti kan irratti
xiyyeefatuu; kutaa hawaasa, barumsa, afaan, hiyyuummaa akkasumas muxxdannoo dhugummaa
kan dhiyaatuu ta’u mulidhisa.

2.6.2 Dhaamsa /ErgaaGama Dhiyyaannaa Seenaa

Akkuma beekamu seenaa jechuun ta’ii yookaan gochaa seenaa qabeessaa turtiin isaa hin
dagatamnee kan hawaasaa keessatti muldhatuu seenaa jedhama. Kanumarra ka’uun ergaan
dhiyaanan isaa malu akka fakkaatu yoo ilaalle barreessaan walaloo tokko dhimma
hawaasuummaa keessa jiru karaa akkanatiin kan ibsudha. Kunis hawaasummarraa ka’uun
hawaasaa keessatti siyaasaan golgamee kan muldhatedha. <<Historical analysis is less a separate
analytical frame work approach that is an element that should be present in any analysis of
popular culture>> Holf (1989:1209) . Yaada kanarra akka hubannu itti qacceessii seenaa
qacceessaa qaama caasaa waan tokko yookan dhiyannaa tokkoof ta’u qacceessuudha. Ergaan
gama seenaan yoommuu dhiyatu misensoota hawaasaaf aadaa isaanii kan hawaasaa balina
garagaraa keessaatti ta’uu kan muldhisudha.

2.6.3 Dhaamsa/ Ergaa Gama Dhiyannaa Aadaa

Aadaa hawaasaa tokkoof mallattoodha. Dhiyaanna kan keessatti ergaan ogbarruu tokko kan
darbu yaad barreessaan quqqamee yookan ilaale tokko aadaa hawaasaan hubachuun kan
dhiyatudha. Barreessaan ogummaa aadaa hawaasaa tokkoo irraa hirisuu fi itti dabaluu osoo hin
taane barreeffama isaa keessatti jechoota filatamoo fi garuummaa qabuun kan dhiyaatuu
hawaasicha irratti hundeeffame kallatiin kan dhiyaatudha.

Gama birootin immo aadaan hawaasaa tokkoo yommuu qacceefamu kan inni irratti hunda’u
amaleeffanna fi jijjirraa faayidaan isaa aadichaaf oolu irratti kan bu’urefatu yoo ta’u: kunis aadaa

18
nyaata, aadaa uffanna, aadaa meeshaalee, aadaa naannoo, aadaa bo’ichaa,aadaa artii fii k.k.f kan
of keessatti hamatudha.(Holf,1989).

Walumaagalatti aadaan hawaasaa hawaasatti addaa addummaa waan qabuuf kan hawaasaa tokko
dhunfaan bakka bu’udha.

2.7 Qorannoowwan Qorannoo Kanaan Walfakkaatan

Qorannoo kana jalatti qorannoowwan qorannoo kanaan wal fakkatan ilaalamaniruu.


Qorannoohaara kanaan kan wal fakkatanis jirachuu ni danda’u. fkn qorannoon kanaan duraa
Gammadaa Hinseettin(2004) walaloo mootii qubee fi kumee kumatamaa keessatti ergaan
walaloo waan dhiyaatan ergaa isaani qacceessee jira. Ergaa qorannoo kana waliin wal fakkeenyii
isaan qaban lamaanuu misensoota walaloo keessa erga qacceessuu irratti kan xiyyefatanidha.
Garagarumman isaa qorannoon dura erga ogwalaloo mootii qubee fi kumee kumatamaa irratti
kan xiyyeffatu yoo ta’u qorannoon haara kun immoo erga walaloo anaaniyaa qacceessu irratti
kan xiyyefatudha.

Kan biroon immo kan ifaan (2005) qacceessee haala itti fayyadama malleewaan dubbii walaloo
mootii kumee kumatamaa keessa qabiyyeen ogwalaloo irratti xiyyefachuun kan gageffaman yoo
ta’u qorannoon haara kun immoo ergaa walaloo anaaniyaa qacceessuu irratti kan xiyyeefatudha.
Garagarummaan isaanii qoorannoon haara kun dhaamsa ogwalaloo irratti kan xiyyefatu yoo ta’u
qoorannoon ifaan qacceessee kun immoo qabiyyee ogwalaloo irratti kan xiyyefatudha. Ergaa
qorannoon qorannoo kanan wal fakkatan sakattaa’amanis kallattin kan qorannoo kana waliin wal
fakkatan argachuu hin dandeenya. Garuu al kallattiin kan argaman keessaa kanneen armaan olitti
ilaalle kana ta’u.

BOQONNAA SADII

19
DHIYEESSA QAACCESSA FI HIIKA RAGAALEE

Qaaccessa ergaa walaloo kana keessatti walaloo karaa adda addaan kan ilaaluudha.

3.1 Ergaa Gama Hawaasummaan

1 Har’a namni hin tirsu

Maa’essi ofiin gala

Cabee karaa bula

Bineensaan marfamee

Binoon dhibantoomee

Caattoodhaan waardomee

‘cabus kan ofiiti.

Mudoomus budoomus

Fafus duguddoomus …

Jechuun, shan dhaamuun kee

‘senaa bade hin barbaadan,

Mana bade hin eegan

Osoon hin badiin eegan !

Jechuun, sokaan waraanuun kee,

Akkan of dagadhee Of barbaacha hin dhaqne?

Akkan harkaan gatee

Miilaan hin barbaanneef

20
malee edaa,

Kan dabre galaanaa


Namarraa godaanaa… (“Anaaniyaa Fuula 22-23 Lakkoofsa 1”)

Walaloon armaan olii dhimma hawaasummaa irratti xiyyeeffata. Innis haala darbee duubati
deebii’uun yaadatani wan nama seenessuu yookan gaabbisiisuu akka ibsuuf jiran mul’isa.

Walaloon kun ergaan inni dabarsuu hojiin tokko yeroo isaa keessatti ennaa hojjatan bu’aa irraa
argatu. Yooyeroo isati hin hojjatin immoo bu’aan irraa argama jedhame yaadamu argachuun hin
jiru. Gaafa argachuu dhaban/duuba nama deebise nama gabbisiisa.kanaaf waan gochuun yaadani
osoo yeroon isaa hin darbiin cinuma isaati yaanne karoorsuun rawwachuu akka qabnu,isa
darbeef gaabbuu dhiisani isa irra jiraan kan dura irraa baruun ciminaan akka hojjetaaniif jajjabina
laata

2. Geerarsa geerii keeni

Ayii ayyaana keeni

Lubbuu koo na soorta

Hoossitee urursitee

Hoossite Raffiftee

Abjuuf na dhibaaftaa

Bir jedhee wareeren

Ofii bira si dhaba

Geerarsakee yaadeen

Geeriikee yaadadheen

Dabaluu dadhaaba.

21
Si yaadee araadee

Qalbiin koo wargama

Gadiddukee fagoon

Liphii natti argama

Waalaloon armaan olii kunis waa’ee dhimma hawwaasumma irratti kan xiyyeffate ta’ee,jaalalaa
haadhooleen ilmaan isheef qabduu kan ibsuudha.Kunis waantoota ennaa daa’imummaa isheen
ilmoo ofii irraa guddisuuti kaasuun mararfaanna isheef qaban ibsa

Geerarsa geerii keen

Luubbu koo na soorta

Hoossitee uruursitee

Hoosiisteera raaffiftee

Abjuuf na dhibaaftaa.

Waalaloon kunis ergaan inni dabaarsuu,jaalalli haadha jaalalli eenyuyuu namaaf qabuu olii akka
ta’ee dabarsa.Akkasumas,haati biyya kan bakka butuu ta’uu ishee kan agarsiisuudha. Haati osoo
guuddistee nama jaallachuu baatte iyyuu kan yeroo daa’imaa namaaf dhamaa turtee jalaala
isheen argameedha.Kanaaf,ergaan walaloon kun dabarsuu ifaatti dhamaati(ifaajee) heddun
dabarsitee akka nama taanuuf kunuunsa barbaachisuu hundaa gammachuun nu guddisaatte ohee
hojiin ishee akka hir’aanfatamuu hin qabne dabaarsuu.Kana malees,jaalala isheef qabnu akka
dabaluuf,bifa maraarffannatiin walaliichi ergaa gudda dabarsa.

3Miraa too marmaartuu too!

Suunfadhuu na suunfaachisii

Situu ‘dduuniyaa foolii beekaatii(‘’Anaaniyaa Fuula 34,lakk.3’’)

22
Waalaloon armaan olii irraa kan hubaannu,qaamoota miira keenyaan yeroo baayye bakka tokko
teenye addunyaan mali akka fakkaattu beekuun ni danda’ama.Kanaa jechuun bakka dhaaqnee
hin beeknee tokko yaadan yookiin namatti mul’achuu danda’aa.Ergaan waalaloon kun
dabarsuusi miiraa isaatiin ati bakka hunduma beekta,iddoo hundumaasi ni geessa jechaa akka
jiruu nu hubaachisa.

3.2 Ergaa Gama Dinaagdeen.

1.Yeroo coqoorsi yaa’uu

Yeroo kaloon lalisaa

Boonni ni dhufaa hin beekani

Yeroo galaanni ciisaa.

Waalaloon armaan olii kan dhimma dinaagdee irratti xiyyeffata.Kunis akka haawasni tokko
jiruufi jireenya isaa keessatti qabeenyaatti fayyaadamu mul’isa.Ergaan waalalicha immo haalli
hawaasni yeroo qabu fi dhabuuqusanna irraatti garaagaruummaan akka jiruu agarsiisa.Kunis
yeroo qabaan rakko bori dhufuufi bakka akka hin keennine ibsa.Kanaaf ergaan gama waalaloo
kanatin darbuu barbaadee,akkumaa quufni jiruu raakkoonis nama qunnamuu waan
danda’uuf,qabaatanimaaf akkuma argaanitti baasuu akka hin qabnee dhaama.Kana malees rakko
bori dhufuu danda’uu yaada keessa galchuun waanta qaban seeran itti fayyaadamuu akka qaban
ibsa.

2.Hin ka’uu nani foqooqa

Akka gadi-deebii mucaa

Hin fiiguu nan munyuuqa

Akka dullachaa qooca

Takkammo nani fooggala

Akka waati gurguuddoo

Ammammo narra gala

23
Akka michii maanguuddo

Malaan goodha guddaasaa

Na ga’eera fudhaa kaa….(‘’Anaaniyaa Fuula 37 lakk.6’’)

Waalaloon armaan olii kun dhimma dinaagdee irratti xiyyeffata.Kunis haala namnii tokko
jireenya isaa mo’achuuf jecha yaali garagaraa taasisuun bu’aa firii yaalicha ittin ibsuu muli’isa.

Ergaan waalaloo kanaas naamni ofii jijjiruuf kaallatti garagaraatiin ni tattaffata,tattaffiin namni
godhuus amma tattafatamuu qaba.Taattaffiin kunis hamma tattaffatamu qabu yoo darbee abdii
nama kutaachiisa dhufa.Kunis kan dhufuu danda’uu ijibaata yeroo dheeraatiin booda waan firii
ofii enna hafuudha.Waalaloon kunis ijibaata jireenya nama dhunfaa tokko irratti xiyyeeffachuun
tattaaffi dhama’afii turee milkaa’ina akka hin qabnee agarsiisa.

Kanaaf,yeroo tokko tokko jiruufi jireenya namoota kessatti haala abdii nama kutaachisuu,harkaa
kennachuutti nama gessisuu akka hubaachisuudha.

3.Harkaaf milli

na gadi’amee

Gaaficha bara’n

Jilbaan da’imee

Qalbii dhifamee

Hiddaan hidhamee

Akkaasan ta’ee

Akka ati taatuu

Yoon cancalamee

akka keekana

24
Gafaan dhibamee

akkasan ta’ee

akkakee kana

Qalbii dhifamee

hiddaan hidhamee…(‘’Anaaniiyaa Fuula 36.lakk.5’’)

Waalaloon armaan olitti dhiyaate kun dhimma dinaagde irratti kan xiyyeffatu ta’ee,jireenyi
gadadoo waan dhala nama gochuu danda’uu kan agarsisuudha

Ergaan waalaloo kanasi,waalaloo armaan olii keessatti gaafan dhibamee,akkasan ta,ee,akka kee
kana,qalbiin hidhamee,hidhaadhan hidhamee kan jedhu yoo fudhaanne, ergaan isaa rakkoon
yeroo hiyyumma hiyyumma nama qunnamuu nama gadi nama goote namatti kan hidhamaan
ta’uu agarsiisa.Kunis ta’uu kan danda’uu waanta jireenya keessatti mul’atu waan ta’eef
namoonni carra kana kessatti argaman nama wajjin ba’anii galuuf haalli kan wal hin simneef
ta’uu isaa nama waajjin oluuf waan ta’ee harkaa qabaachuu qaba.Gaafa kuni hin jirre ba’uun ni
ulfaata.Kanaaf namaan qixa’aanii deemuuf jireenyi kessatti argaman murteessa waan ta’eefi.
Sadarkaan namaa walaaloon kuni waalaleeffameefi akka nama gadi’amee manatti hidhamee kan
jiraacha jiruu ta’uu mul’isa.

3.3 Ergaa Gama Siyaasaan

1.Utaal takallaa keen

Bookkis cancala keen

Boossus wajiin boonya

Boontus waliin boonna;

Burraqi gaadii keen

Geerar cancala keen

25
Utaali utaali

Kufiis gangaladhu

Du’is lam dhaladhu

Jireenyi ajaadha

Ciisuun waan badaadha

Cancalli si fixxi

Gaadiin gad si lixxi

Boorradhu bookkisii

Utaal !qiriphisi !….(“Anaaniyaa fuula 38,lakk.7”)

Walaloon armaan olii dhimma siyaasaa irraatti kan xiyyeeffatudha.WAlaloon kunis,gosoota


qabiyyee ogwalaloo keessaa dubbii qoola kanneen akka, Ateessa ,bakka buusa fi Nameessa
gargaaramuun dhimmooota siyaasaa kan agarsiisuudha.Walaloon kana keessattis,

Ciisuun ajaadha

Cancalli si fixxi

Gaadiin gad si lixxi…….jedhu, gosa dubbi qoola keessaa,


nameesatti gargaaramuun ,ergaa isaa kan dabarsu yoo ta’u,Ergaa isa immoo mirgaa keef
dubbadhu,osuma cunqurfama jirtu mirga keef falmadhu kan jedhu agarsiisa.’’Cisuun waan
badaadha,cancclli si xixxi kan jedhuu immo mirgaakeef yoo qabsooftee,yoo lubbunkee darbee
dhaaloota dhufuufi seena kan ta’uu yoo ta’uu kan jedhu immo gocha ta’e irraatti yommu seenan
irra deebi’amee dubbatamuu lama dhalachuukee mul’isa kan jedhu agarsiisa.

Waaluma galaatti waalakoon armaan olii dhimmi isaa siyaasa yoo ta’uu,ergaan isaa immo gorsaa
ofii kessa qaba.Innis yoo carraaquu baatte ni midhaamta caraqii keessa bahi jireenyaf yoo
carraqaan malee nama miidha erga jedhu qaba.Gama biroon immo osooma hacuucama jirtuuyyu

26
hojjedhu yaada jedhuufi cunquursaan narra jira jette hin ta’iin yaada jedhu ofii kessa
qaba.Kanatti ansee kan ilalamuu immo,walaloo…..

2.(Abba Hibboo)

Amma yaa gaaddidduu

Waaqaf lafa gidduu

Fakkaachuu nah in didduu?

(Gaaddidduu)

Ani ofiin fakkaadha

Yoo ati adii uffattuu

Ani gurraattidhuma

an akka garaarra

Shan fakkaattun suma.

Fakkachuufi ta’uun

Lameen waalii lama

Daaraan daakuu miti

Gaararranis nama?.....(‘’Anaaniyaa fuula 40 lakk.8’’)

Waarabbiin walaloo armaan olii kuni dhimmi inni irratti xiyyeffatuu siyaasa irrattidha.Kunis
haala enyummaa ofii jijjiranii kan bira fakkaatani itti jiraacha jiraan ibsa.Ergaan walaloon kun
dabaarsuu immoo namni jaallatamusi ta’ee kan irra baareeduu yoo ofumaa jiraatedha.Kana
jechuunis haalafi gochaa namoota biro ilaaluun isaanitti ofi madaaluun enyuumma ofii
waallaluudha.Kanaaf ormaa fakkatanii kani ofii akka hin dagaannef,enyuumma ofii baaruun ittin

27
boonuun ofii ta’uu akka qaban ibsa.Kanaaf ergaan isaa ofii ta’iidha.Itti fuufnee waalaloo dhimma
siyaasa irraatti xiyyeffatuu kan biro yoo ilaallu,Walaloo…

3.Ni madaaqxeef malee

Adurreenis adala

Bineensa ‘jjin guyyaa

Namaa ‘jjin galgala…(Anaaniyaa fuula 49 lakk.17).

Waarabbiin walaloo armaan olii dhimma siyaasa irratti kan xiyyeffatuudha.Haala alagaan
hawaasatti dangaan ummata sana fakkaachuun waajjin jiraatu agarsiisa.Ergaan walaloo kanas
alagaan waan argachuu barbaaduu hawaasa waaliin jiraatu sana akka waan jallatuu tatii suuta
suutan nama waliin walii bartee gara isaanii addan bafaatti .Namoota hundaa amala isaanii erga
addan baafatten booda ofii galma ga’achuuf mal dhawatti.Kanaaf ergaan walaliicha alagaan
haatii namatti dhiyaattu yoomiyyu amaanu akk hin qabnee dabarsa.Yoo ofii eggannon hin
jiraanne garuu gaafa haala mijaata argaatee osoo namni qubaa hin qabatiin nama dandeessuu
firaan ganuu namaatti jechuun haalafi amala ishee ibsa.

Kanatti ansuunis walaloo…..

4 Abjuundu’uun

Quufa jennaan

Garaa duwwaa

Diinqa darbeen

Edaa abjuukoon

Du’ee bule.

Atis naajjin

Duutee laata

Sabbarii mee…..(Anaaniyaa Fuula 35 lakk 4)

28
Akkuma walaloo armaan olii irra hubaannutti walalichi dhimma siyaasa irratti kan
xiyyeffateedha.Innis abjuu jechuun wantaa hin qabatamneefi yaada ta’uu qabu kan
agarsiisuudha.Ergaan walalichii dabarsuu immo akka waalii galaatti bilisumma biyyaa keetiif
yaaduu akka qabduu dhamsa dabarsa.Kana malees abjuun du’uun quufa kan jedhu yoo ilaalle
bilisumma bakka bu’uu danda’a.Abjuun kan qabatama hin qabnee waan ta’eef namni kun yaadan
bilisuumma hawwu isaa nu hubaa

3.4 Ergaa Gama Aadaan

Oro-duriin

Waliin qotee galchaa,

Edaa? Walin godhee dhalchaa?

Dhiituu. Jaartiin intala

Sagalaa bulchite ala

Diinqii osoo jiruu…

Bariituu, jaartiin, intala

Qoraanitti ergite mala

Teessoon osoo jiruu…

Intaltillee jette

(Abbaan yeroo galuu);

Aayyaa,edaa,

Haadha dhalte malee?

29
Wasiilli koo bulee

Oolee gale edaa”

Intaltis gaafatte

Abbaan yeroo galuu;

“Abbaa dhalche hin beekanii

Abba, edaa,

Wasiilaan si eegee

Olee,bulee gale edaa?”…(Anaaniyaa fuula 33 Lakkoofsa 2)

Walaloon armaan olii kunaadaa irratti kan Oromoon irratti kan xiyyeeffatedha.Innis aadaa
oromoo keesssatti oromoon wal wajjiin hojjeta qotee daboon wal gargaaraa. Qotteemanatti waliif
galchaa. Yeroo amma kanatti garuu aadaa akkasii dhisuundhoksaatii miidhaa walirratti yaadu
isaa ibsa. Akkasumas akka aadaa oromotti ijoolleen dubaraa bate ala akka hin bulee ibsa.Kana
ergaan walalicha hubachuun akkuma danda’amu safuu hawasaa oromoo dur turee amma
safeeffatama akka hin jireef badaa akka jiru kana dabarsuudha. Akkasumaas maatiin ijoollee
bakka badaa kan olaan ta’e ijoolleenis amala bada qabachuu wan danda’aanif akka isaarraa of
qusaatanif aadaa akka safeffatan dhamsa dabarsa.

3.5 Ergaa Gama Amantiin

1 Maddituu Gibee

Osoo ifa ‘gartee

Dukkanaan ifaa

Ifaan dukkana

30
Gonka ati hin jettu

Osoo of agartee!

Gennuu

Manaabakoo sana

Miidhaga kee kana;

Jabina amilee

Bilchina sammuu

Laphee onnataa

Qalbii ititaa

Simboo akka dilbaa

Ayyaana ulfaataa

Rabbi siif late

Lammiirraas dhaaltee

Kaan ittiin Caaltee

Kaaniin qixxaattee!

Akka odaa gooroo

Fagoo mul’atta

Urjii saiirraat’

Sirraan addaata

Bantii kee gubbaa

31
Risaaat’qubata.

Miila kee jala

Nami hirreeffata

Jaarii baafata

Dhabduut’ si waamee

Ilmoo argata

Beela’aan beeluun

Holqa kee uree

Damma baafata

Garaa kaafata

Maddaa kee dhugee

Dheebuu hobbaafata

Siin bayyaannata.

Oofuu Ateete

Ilaalchaa keeti

Hojjaa kee miti

Hojjima keeti ……(Anaaniyaa fuula 56-57 Lakkofsa 24)

Walaloon armaan olii dhimma amantaa of keessatti kan hammatedha.Kunis akkaataa tokkon
deemuun hawaasni itti waaqeeffatu kan agarsiisuu ta’e bu’aa waaqeeffana ibsataa jiran mul’isa.

32
Ergaan walaloo namoonni rakkoo garagaraa qabaan laga (Madditu Gibeeti) rakkataan sanaaf
rakkina isaanii itti ibsaachuun akka milkaa’uu danda’an agarsiisa. Gama dhiphinnaa fi rakkina
ofii qabuutiin maddichaatti bahe rakkoo keessaa isaani akkaataa waaqeffannaa isaanii ittin yaada
dhiyeessatanii booda waan fedhaaanii milkaa’an ibsa.

2 Masaraa Abbaa muuda

Bantii yakkaatti olbaana

Galmaa teessoo qaallota

Uumaa irreessaan simatna

Haaloo keenya

Haaloo isaanii baafna!

Maikaa hawaas –iin buuna

Ogliyaa bobbaafna

Ateef dhirsa barbaanna

Atee-loon haluu baafna.

Boora agalfachiifna

Cancala lugaa fuuna.

Ka’i Namoo

Deemnee Irreessa bobbaafna

Dhaabata dhadhaa muudiAteef’ Atee-loon yaafna

Amajjiin mata haadi

Mudde diddee mudditu

33
Baatiin furmaa nu haa furtu.

Malkaa Abbaa muudaa buunaa

Uumaa irressaan simannaa

Wal wajjin gunna ciifna

Wal taanee luba baana.

Namoo

Adduunyaa kanarraa

Ta’i jennaan kan ta’a

Kufnee itti irreeffanna

Gochuun waan dandeenyu

Seeragoonee hoodanna.

Sammuu

Eeyye kun mirkana;

Cilalluudha in mucucaanna

Qocaadha intiranna,

Bofa muuxannee uffanna

Gaararraadha in fakkaanna.

Nama in irreeffanna

Ekera’ mijuu eegganna

Ayyaana aarsaa ulannaa.

34
Qaalluudha in muudanna.

Waaqa irreessa sooranna

Jinniidha inciinceffanna

Uumama seera hoodanna

Uummamas uumaadhas nuti

Uumaan garuu nu miti.

Namo egaa uumamaa

Supheetu nama ta’e

Suphee kufee shan cabu

Uumaan olisa hin qabu …(Anaaniyaa fuula 101-103 Lakkoofsa 27)

Walaloo armaan olii amantaa kan ilaallatu ta’ee haala kadhannaa uumaa fi uumammaa itti
muudaataan yookiin itti irreeffatan ibsa.

Ergaan walalichaa immoo fedhaa fi hawwii ofii qaban uumati himachuun yookiin iyyaachuun
deebii eeggachuudha. Kunis amantaa ofii irraa ka’uun namoonni waan hedduu argachuun
wantoota kana argachuuf immoo, dursa wanta raawwachuu qabu guutuu qaba.Waan itti
eeggamuu guutnaan akka haala amantaa isaatti ni argata waan ta’eef, ergaan walalichaa yookiin
raawwii gochuu qabnu hundumaa xumurree waan garaa keenyaa itti ibsan milkoofnadha.

35
BOQONNAA AFUR

Cuunfaa Argannoofi Yaada Furmaataa

4.1Cuunfaa

Qorannoo kana keessatti kan dhiyaate ergaan miseensota ogwalaloo keessaa isa tokko yoo ta’u
innis ogbarru mara keessatti kan argamu kallattin ogwalaloo

Anaaniyaa jedhu Asafaa Tafarraatin bara 1998 barreeffame qaaccessuudhaan ergaa walaloon
Anaaniyaa dabarsu qaaccessuudha.

Qorannoo kunis ergaa walaloo anaaniyaa keessa jiru xinxaaluun ergaan walalicha mal akka
ta’ee adda basuuf yaalera.

Haaluma kanaan ergaan walaloo kanas gama Dinagden, hawaasummaan, aadaa,siyaasan,


amantiin yoo ta’u barruuwwan adda addaa sakata’uun walaloowwan filataman ergaa isaan
dabarsaan mala qorannoo akkamta ykn qulqulleefataatin qaacceffamani jiru.meesha funaansaa
raga odeeffannoo barbachisaa fig aha argachuuf gargaruus qorattuun itti fayyadamte barruu
sakata’uu akka ta’ee ibsamee jira. Ragaalee kana irratti hunda’uun ergaan walaloo anaaniyaa
ergaa dabarsuuf itti fayyadamee qaacceffamuun ibsamani jiru.

4.2 Argannoo

Qorannoo kana keessatti ergaan walaloo anaaniyaa Asafaa Tafarraattin barra’ee 30 (soddoma)
keessa kudha sadii qaacceffamun dhiyaatera. Qorattuun qorannoo kanas qorannoo ishee
gaggessuun argannoowwan kanneen irraa geese jirti.

36
1 Ergaan inni dabarsuu xiyyeeffannoon isaa ini guddan siyaasa irratti kana xiyyeeffatu akka
ta’ee bira ga’ameerra. Haaluma kannaan siyaasa keessatti ergaawwan mul’atan:

Namni garbummaan jiratuu sammuun nama isaa garboomfameetin kan sochoo’uu ta’uu biraa
ga’amera.

2 walaloon anaaniyaa dhugaa hawaasa waliin kan wal qabatuu ta’uusa,gama dinagdeetin yoo
ilaaluu, namni wan qabu tokko qusanan itti fayyadamuu akka qabu sirnaan yoo ittin
fayyadamnee rakkoolee garagaaraaf akka saxiilamuu danda’uu dhugaa jireenyaa hawaasa waliin
walqabachuu isaa biraga’ameera.gama amantiitin yoo ilaaluus uumama waaqeffachuun.

3 Barreessan walaloo anaaniyaa ergaa walalicha dabarsuuf qabiyyeewwn gama siyaasa,


dinagdee, amantii, aadaa fi hawaasummatti gargaaramun ergaa isaa dabarfachuun bira ga’ameera

4.3Yaada Furmata

Akkuma beekamuu barreesitoonni bay’een gama barreefama adda addaa irratti hunda’uun
yommuu barreessaan ni mulata.Kun ammo guddina ogbarruu afaan tokkoof gahee gudda kan
qabuudha.Kanumaan walqabatee qorannoo kana keessatti qorattuun kunyaadni furmaata isheen
kenitu immoo akka armaan gaditti dhiyaata

1.Ergaan walaloo anaaniyaa xiyyeeffannoon isaa inni guddaan siyaasa irratti wan ta’eef gama
ergaawwaan birootiniis osoo gad fageenyaan irratti xiyyeeffatamee barreeffamee irra caalaaatti
fudhatamummaa akka qabatu taasisa.

2 .Walaloon anaaniyaa dhugaa hawaasaa waliin kan wal qabaatu waan ta’eef barreessan
walalichaa osoo jechoota ifaa fi ammayyaawwaa ta’anitti gargaraamee barreessee gaarii ta’a.

3 .Barreessan walaloo anaaniyaa qabiyyeewwan garagaraa gargaraamuun ergaa isaa kan


dabarfatte waan ta’eef,osoo seenaa fi muuxannoo hawaasaa waliin wal simsisee dhiyeessee
gaarii ta’a.

37
Wabiilee
Addunyaa Barkeessaa. (2011) Akkamtaa.Yaada rimee Qorannoo Ormiyaa
:Finfinnee

Addunyaa Barkeessaa.(2012). Naatooyaad rime fi Caaslugaa afaan oromoo

Addunyaa Barkeessaa.(2014). SemooBu’uura Barnoota fi Afaani fi Afoola


Oromoo Ormiyaa Finfinnee

Alicia.(1991). American Literature. New York:MC Graw .Hill Basu.

Asaffaa Tafarraa.(1998).Anaaniyaa Finfinnee, Oromiyaa

Cuddon.(1999);The Peguim Dictionary of Literature. Terms and Theory:pegium

Dastaa Dassalenyii.(2002),Bu’uuraa Qoranno;Finfinnee, Mana maxxansaa Boolee

Diyanni.(2002).Literature Reading fiction, Prose Dirama and Poetry :Bostan MC


Graw Hill

Gammachuu D (2001) Baruullee Qormaata Waltinaa Afaani (Jiildii 9ffaa,Aadaa fi


Turiizimii Oromiyaa

Gammada Hinsarmuu(2004)Qaccessa Walaloo Mootii Qubee fi Kumee


Kumaatama. Dillaa

Holf (1989).Elements of Literature 6th Ed.USa British Libirary

38
Jarraa fi Wasanee B .(2000).Bantuu haaraa fi Caas lugaa fi Ogbarruu Afaan
Oromoo Finfinnee

Malekneh Mengistu.(2008).Fundamental of Literatur for College A.A Unversity


Press yann.Addis .Ababa University Press

Miller (1981). Introduction to Poetr New York State University

Misgaanuu G.(2011).Dilbii, Bu’uuraa Afoolaa , Ogafaan , fi Af walaloo Oromoo


Finfinnee

Misgaanuu G.(2012),Dhikifannaa Kuusaa Walaloo fi Saayinsisaa Finfinnee


Oromiyaa
Misgaanuu G(2014) Yandoo Ogummaa fi Ogwalaloo Oromoo Finfinnee,
Oromiyaa
Zarihun (1992) Bu’uuraa Ogbarruu. Finfinnee.Oromiyaa
Zarihun .(1994) .Ye sina Tsehuf masaratawiyan Addis Ababa, Negd Dirijit

39