Sunteți pe pagina 1din 44

BOQONNAA SHAN

5. CAACCUUWWAN ASOOSAMA DHANGALA’AA


(Elements of Prose Fiction)
 Asoosamni dhangala’aan dameewwan akka asoosama gabaabaa,
asoosama giddugaleessaafi asoosama dheeraati.
 Dameewwan asoosama dhangala’aa kunniin caaccuuwwan adda addaa
irraa ijaarama.
 Seenaan asoosama dhangala’aa walta’iinsa ykn tokkummaa
caaccuuwwan asoosamaatiin uumama.
5.1 Jaargocha (Plot)
 Jaargochi tartiiba taateewwan seenicha keessatti argamaniitiin uumama.
 Kanaafuu, jaargochi taateewwn gochaa seenaa asoosamichaa keessatti
raawwatamaniiti.
 Jaargochii qindoomina ta’umsoota walqabate yoo ta’u kunis salpha ykn
walxaxaa ta’u danda’u.
 Haala seenaan sun itti qinda’e, miidhagina seenichaaf kenne beekun
barbaachisaadha. Seenaan sun miidhage jechuun kan danda’amu haala
qindoomina issatiin.
 Jaargochi dhiyeenya tartiiba qabuufi daandii seenaa hojii ogbarruu
tokkooti.

Ibsoota jaargochaa armaan gadii kana dubbisuun yaada hubate barreessi?


Galmeen jechaa Oxford Advanced Dictionary akkas jechuun ibsa: “ plan
or line of events of a story especially of a novel or a story.” Kara
birootinis, jaargochii qindoominaa raawwii haala tartiibaa yeroo qabuun
dhiyaatudha. Kunis seensa walxaxiinsa waliinjiru, waldiddaa dhiphisaa
deemuun fixee ga’ee carraa namfakkii kootamaa tokko agarsiisun
furmaata kennuun kan xumuruudha.Yaada kana jecha hayyuu
ogbarruu Shiley Geak line Lime jedhamu ibsa armaan gadii kenni.

1
a. The plot as the organization of action was traditionally conceived as a
sequence of important moments arranged chronologically, with an
introduction, series of complications intensifying the conflict, a climax
clinching the fate of the central characters, a resolution and a denouement
that concludes and summarizes the issues.
b. Plot is the organization of a series of action or events usually moving
through conflicts to a climax and resolution. The arrangement often implies
causality and achieves certain effects.
c. Plot does not concentrate on an individual hero or his fate or her fate.
Instead, it’s open structure permits the inclusion of other important but
minor characters.

 Aristootil jaargocha seensa, walakkaafi xumura jechuun gulataa sadiin


kan dhiyeesse.
 Pilaatoon garuu, jaargoacha gulantaawwan shaniin kaa’a. Sadarkaan
shanan jaargochaa Pilaatoon dhiyaatanis bocawwan adda addaa lamaan
dhiyaatu. Isaanis:-

2
1. Tooftaawwan Ijaarsa Jaargochaa

Jaargochi seenaa asoosama tokkoo karaalee adda addaatiin uumama.


Tooftaawwan ijaarsa jaargochaa keessatti beekkamoo Jargocha Tartiiba Bara
Seenaa (Chronological Plots) ti.

Jaargochi gosa kanaa taateewwan bara seenaa murtaawaa tokko kan


hammatu yommuu ta’u, taateewwanis akkaataa tartiiba yeroo raawwii
isaaniitiin dhiyeessa. Jaargoci tartiiba bara senaa gosoota lama qaba. Isaanis:-
Jaargocha adadaan jijjiiramaafi jaargocha boqonnaan qoqqoodamaadha.

A) Jaargocha Adadaan jijjiiramaa (Progressive Polt)

Asoosama dhangala’aa jaargocha jijjiirama adadaatiin dhiyaate keessatti


kutaan jalqabaa ibsa waa’ee qooddattootaa, yoomessaafi waldiddaawwan
bu’uura ta’an dhiyeessuudha. Boqonnaa ka’usaatti aanuudhaan, seenaan
asoosamichaa olka’iinsa gochaa keessa dagaagaa dhufee guutmiira dhaqqaba.
Erga fiixee guutmiiraa dhaqqabeen boooda ammoo gadi bu’aa dhufee
dhumarrttis waldiddaan sun furmaata argata. Seenichi ni xumurama. Caatoon
armaan gadii jaargocha tartiiba seenaa adadaa agarsiisa.

Guutmiira

Climax

Olka’iinsa

Rising Action Bu’iinsa

Denounment

Ka’umsa Waldiddaa
Exposition Conflict
Xumura

End of Book
Caatoo Jaargoaha Adadaa agarsiisu.

3
B) Jaargocha Boqonnaa Qoqqoodamaa (Episode Plot)

Jaargochi boqonnaatti qoqqoodamee dhiyaatu seenaawwan gaggabaaboo


(eppisoodota) ofdanda’anii dhaabbatan walqabsiisee dhiyeessa. Tokkoon tokkoo
seeneffamoota jaargocha boqonnaan qoqqoodamee dhiyaatuu waldiddaafi
furmaata mataa mataa isaanii qabu. Seeneffamoonni gaggabaaboon kunniin
(episods) jaargocha qooddattootaafi yoomessa tokko qabu. Jaargochi akkana
akka jaargocha jijjiirama adadaa walxaxiinsa hinqabu. Dubbisuufis
salphaadha. Caatoon armaan gaditti dhiyaate fakkii jaargocha boqonnaan
qoqqodamaa agarsiisa.

Guutmiira

Climax 3

Olka’iinsa
Guutmiira fuftii
Rising Action 3
Climax 1
Olka’iinsa
Olka’iinsa
Rising Action 2
Rising Action 1
Xumura
Boqonnaa
(Ending) 3
Xumura
Xumura (Ending) 2
(Ending) 1

Ka’umsa
Boqonnaa

Esposition

Caatoo Jaargocha Jijjiirama Boqonnaa

4
Ibsa (Exposition):

Kun seensa seenichaaa yoo ta’u barreessaan seenduubee ykn odeeffannoo


qooddatootaa marsaatiif ibsa kenna. Kanamalees haala waldiddaan
uummamuu danda’uun ibsa. Fakkeenyaaf,

“Sagaleen hidda dhiigaa keessaa haloo bittimsu wareersee


hirriba keessaa na dammaqse. Miira naasuun nafa mataa
ol qabadhee ija didee walitti harkifatu gargar deebisaa
naannoo koo millachuuf osoon yaaluu sagaleen duraa sun
yeroo lammataaf natti dhagahame. “ Hinkaatuuree amma!
du’I lafa kanarraa si haakaasuuti. siinan jedham Obsaa!
osoon asiin gadi mar’ummaan kee irra ejjedhee achitti si
hinhanbisiin amma dafii ka’ikaa lafa kanaa! hum!... si
gurbattiinana kan ati amma guyyaatti raftuuf garbittiikee
na seetemoo kunuunsituu! hirribichi ka bara baraa siif haa
tahu malee! jettee uffata qorraa mukaan gadi na irraa
harkifte (Abraam Tasfaayee 2008).

Akkaataan kanaan seenaan asoosamichaa qoddataa mummicha kan tahe


obsaafi haadha buddeenaa isaa gidduutti eegalame. Bakka kanatti iddootti
qoddattootni eenyummaa isaan itti barru, amala isaanii, gochaafi rawwii
isaanii faana akka walbarruuf kan taasifamuudha. Kanumarraa wanti
hubannu obsaan nama akkamii akka tahe, jireenya akkamii akka hawwu,
amma immoo jireenya akkamii keessa akka inni jiraatu tilmaamuu ni
dandaeenya. Gama biroon immoo haati buddeenaa obsaa ilaalcha isheen
obsaaf qabdu, jireenya akkamii akka isheen obsaa jiraachisaa jirtu
tilmaamuun ni danda’ama. Ka’uumsa kana keessatti obsaafi haati buddeenaa
isaa walitti dhufeenya akkamii akka isaan qaban ni tilmaamna.

5
5.1.1 Olka’iinsa (Rising of Action)

hirmaattootni seenaa ka’umsa keessatti walbaraa dhufan fedhii, amala,


kayyoo, taateewwan hawaasaa keessatti beekamaa tahan fudhachuu,
fudhachuu dhabuu yookiin gochaa garaagara qabaachuun wanta yaadan
sana galmaan gahachuuf ni carraaqu. Kana keessatti galma geessiftootni
seenaa sun yaadan waldhabaa walitti bu’insi isaanii jabaachaa adeema.
Ta’uumsota tartiibaan dhiyaatan keessatti ta’uumsi tokko kan biroo uumuun
waldiddaa olkaasa. Iddoo kanaatti dubbiin dubbii dhalaa deemuun seenaan
babaallata. Haala kanaan ta’umsoonni olka’a deemee fiixeerra ga’a.
Fakkeenyaf

“… Eeyyeen Obsaakoo, dubartii ani jechuutti jiru kuni


haadha buddeena kee har’ati.Lubbuun eessuma kee kan
ba’e harka obboleessa haadha buddeenaa kee keessatti. ka
jallatte fakkeessitee boroo mana warra ishiitti galgalaan
waamnaan obboleessi ishiimmoo ajjeesee karoora maatii
isaanii galmaan ga’e”. Garuu maaliif? Maaliif ajjeesan?”
“ilaa maal sitti fakkaate, eenyu akka jalqabe dubbachuun
rakkisaa ta’uyyuu achii dhufaatii sanyii lachanuu gidduu
gumaatu ture. Akaakiliifi abaabiliin isaanii waliif warra
gumaa turan. …. (Abraam Tasfayee 2008)

Haala kanaan gochi haati buddeenaa obsaa reebichaafi gadqabiinsa guddaa


irraan geesisaa jirtu sana cinaatti, Abbaan Jaldeessoo seenaa isa darbe caalaa
ulfaataa tahe yommuu itti himu dhiphinarratti dhiphina dabalachaa dhufe.
seenaan bay’ee walxaxaa, obsaatti jireenyi dukkanaa’aa seenaan suni dabalaa
deemaa dhufe. Gochaa obsaarra gahaa jiru irratti taatee tahe kana yommuu
dhagahu, rakkinni isaa dabalaa deemuu, seenaan sunis olka’aa deeme.

6
5.1.2 Guutmiira (Climax):

sadarkaa kanatti yerootti seenaan asoosamichaa seeneffama keessatti iddoon


kun iddoo olaana ta’e yeroo subseenichi sadarkaa olaanaa ga’ee,waldiddaan
jirus guddate furmaataaf karaa akka akka banamu taasisa. Fakkeenyaaf,

…..kanaan jedhe osoo dhageessuu akka nama


hindhaga’initti cal’istee naa fiddee minjaala bukkee koo jiru
irra keesse. Duratti lafaa kaatee dubbii kan narraa
barbaaddu har’a osoon deebii kennuufii callisuun irra
dabartee nyaata naa laachuuun ishee ishee danuu na raaje.
Nyaatni na dhi’aates akka duraa haftee nyaata isaan jalaa
deebi’e hinturre. Beelli dandii gubbaatti na sarde keessa
koo badeera. garaan amma nyaata dide xiqqoo turee fidi yoo
naan jedhe sababaan hin arganneef amuma itti dideen
nyaachuun yaale. nyaatan fedha malee nyaachuu jalqabe
goda garaachaa ga’ee na gube. Mata boo’uunis
battalummatti na jalqabe. Qaamni kiyya marti dafqaan
mirgise. Rifeensa mataatii hanga qeensa millatti hidda
dhiigaa keessa gahee na nyaate. Harkakoo dabalee gara
nyatichaatti hixachuu hin dandeenye. Sagalee ol fuudhee,
“way…wayyoo nan gubadhe…nan gubadhee…” jechuu
kiyyaan boodatti waan ta’e arguuf iji koo arguuf umna
dhabe, gurrikoos dhaga’uuf hin carroomne…. (Abraam
Tasfaayee 2008)

Iddoo kanatti waanta nuti arginu seenaan barreessaan barreesse as gahe kuni
sadarkaa sadarkaadhaan guddachaa guddachaa deemuun yommuu inni
fiixeerra gahutu mul’ata. kana malees walitti bu’iinsi Obsaafi haadha
buddenaa isaa gidduutti ture sun haalaan dabalaa dhufee bakkatti garmalee
olka’ee argameedha. Bakka kanatti walitti bu’iinsi yookiin seenaan
asoosasamichaa garmalee olbahee kan mul’ateefi bakka seenichaaf

7
murteessaa tahetu jira. Iddootti waan hundumtuu goobanee olka’ee haalaan
mul’atudha.

5.1.3 Bu’iinsa (Falling of Action/:

Qindoomina jaargochaa kana keessatti waldiddaan uummamee dhiphinaa


keessa galee hirrachaa deemuun ta’uumsoota jiran ibsa gara furmaatatti iddoo
itti deemuudha. Fakkeenyaaf,

“kuticha keessaatti nu lamaan qofti afuu keenyaan Fedhiin


waan gammadde fakkaatti. “obsaa, namoota danuuti si
dubbisuu dhufee ture” jechaa barcuma natti butattee teessee
maqaa warra yadattuu naa yaamuu eegalte. “Fedhii, mee
amma naa himi, maaloo malaan taheen turee?” Anumtiyyuu
kanan dhagaye eda galgala erga abbaan kiyya kilinikaa
deebi’eeti. Fuula isaa si’an arge, ‘har’ammoo dhukkubsattoota
wal’anamuutti jiran keessaa eenyutu du’e laata?’ jedhee
tilmaameen ture. Inni garuu gadduu qofaan hindhiisne; kutaa
cisichaa seenee takka dugdaan ciisee boo’a takkammoo ol
jedhee taa’ee aariin rifeensa mataa of irraa funaana, hirbaata
nyaachuufis tole hinjenne. Wa’een amala isaa bitaa yommuu
natti galu fayyummaa haadha kiyyaa gafannaan haati kiyya
fayyaa akka taateefi haati buddeenaa kee nyaata waliin
summii si nyaachisnaan dhukkubsattee kilinika seenuu kee
naa hime. Lafti bari’ee ammaan dhufee ijaan sii arguutti waan
lubbuun jirtu natti hinfakkaanne ture” jettee afuura dheeraa
bafatte (Abraam Tasfaayee 2008) .

Yaada waraabbii kanarraa akkuma arginutti seenaan asoosamichaa inni


jalqabaa kaasee haalaan guddachaa guddachaa deemaa dhufee guutmiira irra
gahuun booda immoo gara qabbanaa’aa qabbanaa’aa deema. Taateewwan
walmuddaa turanis gara furmaata argachuutti kan deemanidha. seenawwaan

8
asoosamicha keessatti argamanis kanaan booda dabalaa dabalaa kan deeman
osoo hin taane hunduu suuta suuta hir’achaa deema.

5.1.4 Furmaata (Resolution).

Sadarkaa kanatti waldiddaan jiru furmaata argate yeroo dhuma seenichaatti


deemuudha. Waldiddaa jaargochichaatiifis furmaanni ni kennema. Goolabni
(Conclusion) ammoo addaan gala gabayaa galgalaati. Fakkeenyaaf;

Kabajaafi jaalala ijoollotni moorichaa waliif qaban laphee na


hate. Ija guutanii walhinilaalan, gamtaan dalagu, gamtaan
nyaatu, gamtaan dhugu, marii’atanii hidhanii marii’atanii
hiiku, tokko gammaddee ka biraan hin gaddu.

Jireenyi mooricha keessaa akkuma uffata isaanii bifa


tokkicha. Angafni qutisuu isaatiif gama gaggaarii yaada.
Qutisuunis gorsa angafaa dhaga’ee dheekkamsa ni fudhata.
Maatii dhabaniis walii isaanitti obsuu danda’aniiru.
Bulchaan hoosteelichaa akka ijoollee isaanitti ilaalanii
waa’ee keenyaaf dhiphatu. Dhukkubi keenya dhukkuba
isaanii, daaruun keenya daaruu isaaniti, micciramaa
dhidhibanii qajeelchanii dhala isaanii godhatu malee manaa
baasanii daandii cinaatti hin gatani. Nu cinaa malee nurraa
hintaa’ani, nuuf malee nutti hinmalan, hallayyaa qiliilee
keessa akka hin buuneef marsanii nu tiksu malee hallayyaa
qiliileetti nu hindarbatan, hamaakeeta nu irraa dhorku malee
hamaaketaaf nulaatan, garaan gaddaan ilkaan isaani
hinkolfu, dhugaa beeku; dhugaatti ni amanu. Isaaniif sobni
diina. Ofii farda koranii ka lafa deemutti hin qoosan, suuta
nutty himu malee ifannaan nu hiwareersan, morodanii qara
nu baasu malee ka qara ba’e hindoomsan. (Abraam
Tasfaayee 2008)

9
Iddoo kanatti wanta nuyi arginu wantoota namfakkiin olaanaa
asoosamichaa kan tahe obsaa bay’ee itti dhiphaachaa kan tureefi lubbuun
isaa kan wareegamaaf kennaa ture keessaa bahuun gara jireenya aaragalfii
yookiin boqonnaa qabuutti itti cehuun furmaata gama tokkoon argatedha.
Jechuunis Jireenya jibbisiisaa mana haadha buddeenaa isaa keessaa bahee
gara jireenya namootni hundiyyuu walkabajanii jiraatanitti darbuun isaa
seenaa asoosamichaa keessaatti bakka itti obsaan jireenya isaa keessatti
furmaata argatedha.

Seenaa asoosamichaa keessattis bakka itti furmaatni argame kana qofaa


osoo hin taane, seenawwaan garaagaraa haaluma kanaan kan kanaan dura
baay’ee babbal’achaa deemuun olka’an isaan boodas qabbanaa’aa deemuun
furmaatarra gahan kan biraammoo wa’ee obsaafi haadha isaati.
Fakkeenyaaf

“…. Barbaacha haadha kiyyaaf kan kaanu barumsa


keenya xummurree akka ta’e waliigallee turre. Garuu..
Fedhiikoo, ani garuu hindandeenye. Barumsa sadarkaa
lammaffayyu xumuruuf waggaa tokko caalaatu sichitti
na hafe. Naa game Fedhiikoo, naa game. Dukkana
keessatti ilaalaa, iyya ishii dhaga’aa hangasitti cal’isuu
hindandeenye. Doorsiisnifi kolfi ekeraa Abbaa
Jaldeessoo wareersee hirribaa na dammaqsa. Jechi
isaanii gurra keessaa na bilbila. Kanaaf Fedhiikoo
ka’uun qaba! dhaqeen haadha kiyya du’arraa
baraaruun qaba!” …… “ Barumsa kee irraa jeeqamta
jennee guyyaa guyyaatti waan irraa geenye sii himuu
irraa ofqusatnuyyu maatiin kiyya waa’ee maatii kee
irratti hidda malee xannacha miti. kuni sitti fakkaachuu
dhiisuu danda’a. Nuti garuu maatii gargar faca’e walitti
funaanuuf danuu dhamaaneerra; dhama’uuttis

10
jirra.Galatni waaqaaf haa tahu malee dadhabbiin
keenya gatii hin dhabne”. (Abraam Tasfaayee 2008).

Haala kanaanis waldhabbeen asoosamicha keessatti haalaan finiinaa dhufe


suuta suuta jechuun yommuutti furmaata argachaa deeemu ni argina. Seenaa
asoosamichaa keessaatti ijoon guddaan Obsaa dhiphisaa ture wa’ee eessa
buutee haadha isaa waan taheef bu’aa bayii hedduun booda haati isaa eessa
akka jirtu karaa maatii Fedhiidhaan argamuun isaa furmaata guddaa tahee
mul’ata.

5.2 Namfakkii (Character)

Namfakkiin nama, bineensota, beelladoota, wantoota ykn humnoota hojii


kalaqaa keessatti nama bakka bu’anii hojii dhalli namaa hojjatu raawwatan.
Gama biraatiin namfakkoonni abbaa seenaa akkuma ta’uu isaaniitti yeroo
baay’ee namoota yoo ta’an, bineensotaafi wantoonni biroo akka hammatanis
hubachuu qabna. “character is a person or animal who takes part in the
action of a literary work). “The people in novels are referred to as characters.

Zerihun, (1992) Namfakkoonni addunyaa asoosamaa keessatti foon uffatanii,


amala ilma namaa gonfatanii, waan ittiin waamaman ykn gahee kennameefi
bakki jireenyaa qophaa’eefi afuura kan baafatan, kan dubbatan, kan
nyaataniifi dhugan, akka namoota addunyaa dhugaa kan jiraataniifi du’an,
kan beela’aniifi dheebotan, kan wal jaalataniifi wal jibban, kan gammadaniifi
gaddan, namoota addunyaa asoosamaa sammuu barreessaatiin kalaqamaniiti
jedha. Namfakkoonni bakkaafi bara asoosamichi barreeffame keessaa waan
maddaniif bakka bu’oota bara sanaafi iddoo sanaa ta’anii aadaa, ilaalcha,
yaada, jiruufi jireenya bara sanaa calaqqisiisu. Kanaafuu, namfakkiiwwan
yommuu filataman ulaagaawwan sadan armaan gadii kan guutu ta’uu qaba.
Ulaagaawwan kunniinis:-

11
I. Dhaabbattummaa (Consistancy):- Qooddattoonni sansaka tokko
qabaachuu qabu. Qooddataan tokko diriiraas haa ta’uu maramaa
amama dhaabbataa agarsiisuu tokko niqabaata. Qooddataan tokko
amala ittiin beekkamu sababa gahaafi amansiisaa tokko malee akkuma
tasaa cabsee amala (temperament) ittiin hinbeekkamne haaraa akka
calaqqisiisu irraa hineeggamu. Jijjiiramuun amala dura qabuu dirqama
yoo ta’e, amanamummaa akka qabaatu yeroo gahaa fudhatee kan
mul’ate ta’uu qaba.
II. Kaka’umsa (Motivation):- Amala Qooddataa asoosaamaa akka tasaa
kan hinmudanne akka ta’e olitti ibsamee jira. Amala qooddataa tokkoo
jijjiiruu murteessaa yoo ta’e, jijjiirama sanaaf bu’uurri cimaafii haalli
amansiisaan jiraachuu qaba. Haalli jiru sun jijjiirama barbaaddame
dhaqqabsiisuuf ga’umsa kan qabu ykn dhiibbaa geessisuu kan danda’u
ta’uu qaba. Jijjiiramni ka’umsa cimaarraa madde dubbistoota ykn jamaa
birattillee fudhatamummaa qaba.
III. Dhugfakkummaa (Plausability):- Qooddattoonni asoosama dhangala’aa
murtaa’inaan, akka waliigalaatti ammoo qooddattoonni asoosamaa nama
addunyaa dhugaa kan fakkaataniifi kan amanaman ta’uu qabu.
Dhugfakkee yommuu jedhamu, guutumaan guututti dhugoo (real) ykn
abjoonjora (fantacy) jechuu osoo hintaane amalli namummaa
calaqqisiisu kan nama hinshakkisiifneefi dhugama kan fakkaatu
jechuudha. Amalli kunis sansaka qooddattichi asoosamicha keessatti
qaburraa kan madde ta’uu qaba.

Hayyoonni ogbarruu akkaataa namfakkoonni gahee, amala isaan qaban


akkasumas jiruufi jireenya isaanii irratti hundaa’un akkaakuu adda addaatti
qooduu. Haaluma kanaan namfakkoonni gosoota gurguddoo lamatti qoodamu.

12
5.2.1 Gosoota Qooddataa Hirmaannaan (Functional)
A. Namfakkii Kootamaa (Protagonist):

Namfakkiin kootamaa qooddataa muummichaa seenaan asoosamichaa irratti


xiyyeeffatu. Asoosaama dhagalas’aa ykn diraamaa keessatti namfakkiin
kootamaa seenaa olaanaa kan qabuufi seennicha keessatti jalqabaa hanga
dhumaatti abbaa seenaa ta’ee kan hirmaatu. Namfakkiin muummeen seenaa
asooosamichaa, gochaawwafi dhaamsa isaaf giddu galeessummaan
barbaachisummaa olaanaa kan qabuufi gahee guddaa kan taphatu.
Fakkeennaaf Asoosama ‘Godaannisa’ jedhu keessatti qooddataan kootamaa
Abdiisaa Soolan. Abdiisaan qooddataa seenicha keessatti olaantummaan
hirmaataa ture.

B. Namfakkii Masaanuu (Antagonist)

Namfakkiin masaanuu humna seenaa asoosamaa tokko keessatti faayidaa,


adeemsa ykn gocha qooddataa kootamaa mormuu hirmaatu. Namfakkiin
masaanuu iddoo barbaachisaa ta’e qofatti gahee mataasaa taphachuuf faallaa
namfakkii muummee ta’ee socho’a. Namfakkiin masaanuu faallaa gochaafi
ilaalcha namfakkii kootamaati jechuun diina namfakkii kootamaati jechuuf
miti. Fakkeennaaf asoosama gabaabaa Qorsa jechu keessatti namfakkiin
kootamaa Lubaabaa yommuu taa’u masaanuun ishee ammoo obboleessuma
ishee Abdiidha. Abdiin gocha isheen nama eenyummaan isaa hinbeekkamne
wajjiin eegalte morma malee faayidaafi badhaadhina Lubaabaa jibbee yookaan
hinaafeetii miti.

C. Namfakkii Gargaaraa (subordinate characters)

Gosti namfakkii kanaa galma gahiinsa senichaa keessaatti qooda mataa isaanii
kan qabanidha. Namfakkiin kuni akka namfakkii kootamaa (olaanaa) seenaan
suni isaa irratti xiyyeeffate barreeffama osoo hin taane yookiin ammo akka
namfakkii masaanuu faalla tahanii kan argamani osoo hintaane namfakkii

13
kootamaas tahe namfakkii masaanuu deeggaruun seenicha gara fuulduraatti
adeemsisuuf kan yaalanidha.

5.2.2 Gosoota Namfakkii Amalaan (Behavioral Characterization)

Namfakkiiwwan asoosama gabaabaas tahe dheeraa keessatti barreessaa


asoosamichaa haala adda adda irratti hundaa’uun uumuu ni danda’a.
Ulaagawwan inni irratti bu’uuree uumu keessaa tokko amalan isaan qabaniin
bakka garaagaraatti qoodee dhiyeessuu danda’a.

A. Namfakkii Jijjiiramaa/Marsaa (Dynamic/Round Character)

Namfakkiin jijjiiramaan qooddataa hirmmaannaa jalqabaa hanga dhumaa


keessatti jijjiirama qaamaa, qalbii, hawaasummaa, xiinsammuu, dinageefi
haalaafi amalaafi kkf agarsiisu yommuu ta’u qooddataa muummichaa ta’uu
danda’a. Namfakkiin jijjiiramaan namfakkii marsaati.

Namfakkii marsaa kan jedhaman kanneen kallattii garagaraatiin kalaqaman,


amala hedduufi xaxamaa qabaachuutiin kan beekamani. Namfakkiiwwan
marsaa jechuun, “the round characters are complex and have manifold
characteristics “. Kana jechuun namfakkii marsaan akkuma armaan olitti
ibsame amala walxaxaa ta’eefi wantoota jijjiirama adda addaa kan agarsiisan.
Namfakkiin marsaa yeroo hunda haala wal fakkaatuun kan adeeman osoo hin
ta’iin jireenya isaanii keessatti kanneen jijjirama garaagaraa fidani.

Namfakkiin kunis amala armaan gadiin beekama.

a) Jireenyisaa kallattii adda addaan kan kalaqame tahee amala walxaxaa


kan qabudha.
b) Bu’aa bayii jireenya walxaxaa ta’een kalaqamanii kaayyoo isaanii
galmaan gahachuuf kan tattaafatanidha.
c) Rakkina hedduu kan kessummeessanidha.

14
d) Waa’ee jireenyaa ilma namaa kan xiinxalan, raagan, bifa jireenya adda
addaa faana walqunnamtii kan qabaniifi haala salphaa taheen
eenyummaafi amala isaanii beekuun kan hin danda’amne
e) Seenaa dhiyaate keessaatti amalaafi gocha garaagaraa kan mul’isan
f) Akka fixeensaa ganama mul’atanii guyyaa kan badan osoo hin taane
boqonnawwan asoosamichaa keessatti deddeebi’anii kan mul’atanidha.
g) Seenaan rawwatamu irra jireessi isaa namfakkoota kanaan rawwatama
h) Namfakkiin kuneen namfakkii olaanaa tahuu danda’a. Namfakkiin
olaanas marsaa tahee argamuu danda’a.
B. Namfakkiin Diriiraa (Flat/Static Character)

Namfakkii diriiraa kanneen jedhaman immoo, akkuma mul’ataniin salphaatti


amalliifi fedhiin isaanii maal akka ta’e adda baasamu. Waan murtaa’e tokko
qofa deddebi’anii hojjatan. Seenaa asoosamichaa keessatti gochoota
garaagaraa keessa seenuuun jijjiirama hinagarsiisani. “Flat characters are
minor characters in work of fiction who do not undergo substantial change or
growth in the course of a story.”

Yaadni kun kan ibsu namfakkii qajeelaan kanneen kootama hin taane,
muuxannoo kan hin qabneefi barbaachisummaan isaanii gad aanaa ta’anii
jijjiirama kan hin agarsiisnedha. Garuu, namfakkiiwwan maramaan
boqonnaawwan hedduu keessatti gocha adda addaa raawwachuun yeroo
dheeraa seenaa asoosamichaa keessa kan turan ta’anii seenichis waa’ee
isaanii irratti kan xiyyeeffatudha. Namfakkiin kunis amaloota armaan gadiin
beekama.

a. Eenyummaafi malummaansaa mala salphaan beekama.


b. Amala murtaa’aa irra deddebi’amee yaadatamu tokko qaba.
c. Haalaafi ta’iinsa garaagaraa keessatti hin jijjiiramuu
d. Jireenyi isaa walxaxaa kan hin taane yeroo baay’ee ergaa beekamaa
qeenxee yookiin lama qabaatee argama
e. Irra caalaan namfakkii olaanaa ibsuuf kan kalaqamnidha

15
5.2.3 Namfakkeessuu (Characterization)

Namfakkeessuu jechuun tooftaa, seera, heerafi mala barreessaan kalaqa


tokkoo hirmaattoota seenaa sanaa kan uumudha. Namfakkeessuun filannoo
tooftaa asoosichi sansaka, dhaabbata, gocha, akkaataa dubbii hamilee,
ilaalcha … qooddattootaa ibsuuf itti gargaaramu. Barreessaan tokko namfakkii
yommuu uumu

 Ilaalcha dhala namaaf qabufi beekumsa dimshaashaa qabu irraa


ka’uun uumuu qaba.
 Bifaafi amala mataasaatii namoota addunyaa dhugaa kana keessaa
jiraatanii kan ofiisaatii beeku bu’uura tasifachuun dalaguu qaba.

Ka’umsi namfakkii nama dhuguma lubbuudhaan addunyaa kanarra jiru yoo


ta’eyyu asoosichi asoosamicha keessaatti namfakkii inni uumu bakka bu’aa
isuma lubbuu jiru yookiin ture sana ta’a. kanaafuu namfakkiin kan
barreessaan muuxannoo jireenyaa keessatti namoota argeefi kan beekurraa
amala adda addaa walitti funaanee kalaquun nama arga yaadaatiin
uumamedha.

Asoosaan namfakkii uumu tokkoof bifa, qaama, amala keessoo tahe filachuuf
amala nama tokkoo yookiin hedduu xiinxaluu, hordofuu, sakatta’uun uumuu
qaba. Asoosesichi namfakkii uumu sanaaf amalawwan barbaachisoo ta’an
hamma argatuutti muxannoo isaan namoota adda addaarratti xiyyeeffachuufi
amala kaayyoosaa galmaan gahu namoota adda addaarra argachuu danda’a.
haatahu malee, barreessaan yommuu namfakkii uumu bifaafi amala filachuu
qaba.

Amala nama tokkoo guutummaa guututti rakkisaa waan taheef filannoonsaa


bifaafi amala namfakkii tokkoo namfakkii biroorraa adda baasuurratti
xiyyeeffachuu qaba. Amalawwan filataman kunis namfakkiiwwan uumaman
sunniin sammuu dubbisaatti akka maxxananiifi dubbistootan akka
yaadataman gochuu kan danda’u tahuu qaba. Gochi namfakkiin tokko dalagu,

16
haasaan afaan isaati bahu, yaadni namfakkiin sun dhiyeessu martinuu
umriisaafi sadarkaa barnootaa faana kan deemu, bakkaafi yeroo keessa jiraatu
kan calaqqisiisu, sadarkaa jireenya isaa kan bu’uureffatefi haala naannoosaatti
argamu faana kan walgitu tahee argamuu qaba.

Barreessan ulaagaalee armaan olitti ibsaman kana hordofee yoo uume,


dubbistootni kitaabicha dubbisan namfakkiiwwan sunniin dhuguma amala
namaa qabu (nama fakkaatu), nama fakkata/tti jedhanii amananii
fudhatu.dubbistootni amantaa kana akka qabaataniif immoo eenyummaafi
sansakkaan namfakkiiwwanii ifatti mul’achuun beekamuu qabu. Kana
jechuunis namfakkiiwwan kunneen

a) Kan dubbistootni waliin kolfan yookiin itti kolfani


b) Kan dubbistootni waliin gaddan yookiin itti gaddan
c) Kan dubbistootni jaallatan yookiin jaallatu
d) Kan dubbistootni rakkina isaa/shee waaliin hirmaatan yookiin baga
kan ittiin jedhan
e) Kan dubbistootni amala duraan qaban dhiisanii namfakkiiwwan
akka fakkeenyaatti fudhachuun akka jijjiiramaniif humna qaban
tahanii kalaqamuu qabu

Namfakkiin asoosama keessatti argamu tokko dubbistoota biratti argamu


tokko dubbistoota biratti amanamummaafi fudhatamummaa qabaachuu kan
danda’u yoo heerawwan asoosamni eegee barreeffamu hordofedha.
Barreessaan tokko namfakkii yommuu uumuu qabxiilee inni hordofuufi
heerawwaan eegamuu qaban keessaa muraasni kan armaan gadiiti

A. Amala Turaalessa Qabaachuu. Amala turaalessaa jechuun namfakkiin


uumame sun waggootii dheeraadhaaf dhala namaa tokkorratti kan
mul’atu jechuudha. Amalli turaalessaa kunis amalasaatiin, gochasaa,
yaadaafi fedhasaatiin walumaagala amala namfakkii keessaafi alaa

17
mul’achuu qaba. Barreessaan amalafi gocha namfakkiiwwanii sababa
quubsaafi amansiisaa ta’e malee jijjiiruu hin qabu.
B. Amala Mudaa Qabaachuu. Namfakkii tokko amala (sansakkaa) isaa kan
gonkuma mudaa hin qabne tahee kalaqamuu hin qabu. Sababiinsaa
a. Namni dhugumaan addunyaarra jiraatu tokko amala mudaa hin
qabnefi tokko qofaa kan qabu miti. Kana jechuun ciminas
dadhabinas qabaachuu mala. Gochaafi amalaasaa keessatti
garummaanis gadhummaanis ni argama.
b. Walitti dhufeenya namoota jidduutti mul’ataninis namni tokko isa
tokoof garaa laafeessa kan biroof immoo garaa jabeessa tahee
argama. Isa tokko gargaaree isa kaanimmoo dhiisuu danda’a.
C. Walitti dhufeenya namfakkii biroo waliini. Namni addunyaa dhugaa
kana keessa jiraatu akkuma qophaasaa jiraachuu hin dandeenye
namfakkiiwwan asoosama keessatti argamanis, sababoota adda adaatiin
walitti dhufeenyi jidduu isaanitti mul’atu gaarii yookiin gadhee tahuu
mala. Dimshaashumatti, gosootni walitti dhufeenyi jidduu isaanitti
mul’achuu danda’uu, firaafi diina, firaafi fira, diinaafi diina, abbaafi ilma,
barataafi barsiisaa, hiriyyootafi kkf tahuu danda’u. seenaan
asoosamichaa kan babbal’achaa adeemus walitti dhufeenya
namfakkiirraa kan ka’eeni.
D. Sababa Ta’uu. Walitti dhufeenya ykn walqunnamtii qabanis tahu
jireenya dhuunfaa isaanii keessatti gochi namfakkiiwwanii dalagan
ejjennoon isaan irra gahan akkasumaan osoo hin taane sababa
qabaachuu qaba. gochaa namfakkiiwwan dalaganiifi yaada isaan
dhiyeessaniif ka’uumsa kan tahe sababni jiraachuu qaba. waliigalatti,
gocha namfakkootni taasisan jijjiirama amalaa mul’isaniif barreessan
sababa quubsaa barreessuu qaba.

Barreessaan kalaqa isaa keessatti namfakkiiwwaan karaalee adda addaa


fayyadamuun uumuu ni danda’a. Barreessitootni tokko tokko eenyummaa
namfakkiiwwaanii dhoksuun dubbistootni ofuma isaanii akka hordofanii,

18
eenyummaa, dalagaafi kaayyoo isaanii akka beekaniif dubbistootaaf banaa
godhanii dhiisu, Gariin immoo seenaa asoosamichaa keessatti eenyummaa
namfakkiiwwan ofumaa barreessuun dubbistootaaf dhiyeessu. Namfakkiiwwan
kanas karaa kallattiifi alkallattiin kalaquu malu:

A. Namfakkeessuu Kallattii: Namfakkeessuun tooftaa sansakni (personality)


qooddataa tokkoon ittiin uumamuufi ittiin dhiyaatu. Eenyummaan
qooddataa tokkoo karaa adda addaatiin dhiyaachuufi baratamuu danda’a.
eenyummaa qooddataa tooftaa himuutiin dhiyaatee ammoo dubbisaan
afaanuma seenessaa ykn asoosaarraa bara. Fakkeennaa aasoosama
Godaannisaa keessatti eenyummaan Abdiisaa Soollan kallattiin kan
himame yommuu ta’u, eenyummaa Weejee ammoo gochootaafi haala
dubbiisheerraa baruun nidanda’ama.
B. Namfakkeessuu Alkallattii:. Tooftaawwan namfakkeessuu keessaa inni
biroon immoo namfakkeessuu alkallatti yommuu tahu, Eenyummaa
qooddataa tooftaa agarsiisuutiin dhiyaatee dubbisaan haala dubbiifi
raawwiisaarraa kan baru yommuu ta’u, Eenyummaa qooddataa tokkoo
waan qooddatichi hojjaturraa, waan dubbatamurraa, ilaalchasaarraa,
waan qooddattoonni kuuwwan waa’eesaa yaadanirraa, bakkaafi haala
jireenyasaarraa haala uffannaa isaarraa akkasumas waan qaamni isaa
fakkaaturraa hubachuun nidanda’ama.

walumaa galatti, barreessaan asoosama tokkoo namfakkoota namfakkeessuu


keessatti uumee itti gargaarame kaneen karaa kallattiifi alkallattiin cinaatti
dandii adda addaan agarsiisuu danda’a. Akka dubbistootni isaa sirriitti waan
inni barreesse haalaan hordofaniif yookiin akka isaan xiinxalaniif karaa
jechaa, gochaa, haalaa dhaabbii, walitti dhufeenya qoddattoota biroo waliin
qaban irraa, yaadaafi fedhii isaaniirraa waan garaagaraa hubachuun ni
danda’a’ama.

19
20
5.3 Waldiddaa (Conflict)

Waldiddaan caaccuuwwan miseensota asoosama dhangalaaaafi diraamaa


keessatti mul’atu keessaa isa tokkoofi baay’ee barbaachisaadha. Candy, etal.
(1997: 50) akka ibsutti, “conflict is a struggle between two opposing forces in
the plot of a story.” waldiddaan qabsoo humnoota faallaa ta’an lama gidduutti
adeemsifamu ta’ee, jaargocha asoosama dhangala’aafi diraamaa tokkoo
keessatti kan argamu ta’uusaati. Melakneh(1999;63) waldiddaa yoo ibsu,
“Conflict is a clash of actions,ideas, desire or will.” Jedha. Akka yaada kanaatti
waldiddaan, walitti bu’iinsa gochootaa, yaadaa fi fedhii namfakkoota gidduutti
uumamu ta’uusaati.

Edmund, etal. (2005) akka ibsuttutti, “A conflict is a struggle between two


forces in literary work.” Akka yaada kanaatti waldiddaan hojii ogbarruu
keessatti qabsoo humnoota lama gidduutti taasifamu ta’uusaati.
Barry.et.al.(ed).(1992;184) immoo yoo ibsu,”Conflict is a struggle between
opposing forces that is the basis of the plot of a story.” Jechuun ibsa.Yaadni
kun waldiddaan jargocha seenaa tokkoof bu’ura ta’ee, qabsoo humnoota
walfaallessan gidduutti adeemsifamu ta’uusaa agarsiisa. Asoosama tokko
keessatti waldiddaan qooddattoota gidduutti (Physical Confilct), qooddataafi
hawaasa gidduuttii (Ethical conflict) akkasumas, qooddatama tokko keessatti
(Emotional/Psychological) uumamuu danda’a.

5.3.1 Gosoota Waldiddaa

Waldiddaan gochaa walmormiiwwaan qamoota lama jidduutti dhimmoota


garaagaraarratti taasifamudhaa. Gochaan walmormii yookiin waldhabiinsi
kunis haala lamaan mul’ata. Isaanis:- waldiddaa qaama alaafi waldiddaa
qaama keessaan walitti bu’iinsa sana mo’achuuf kan taasisanidha.

21
5.3.1.1 Waldiddaa Alaa (External conflict)

Waldiddaan alaa kan jennu qamootni waldorgoman yookiin walmorman lama


yommuu isaan olaantummaa isanii agarsiisuuf carraaqanitu mul’ata.
Carraaqiin isaan taasisanis wantoota adda addaa faana akkasaan walitti bu’an
isaan tasiisa. Keessumatuu, namfakkiin olaanaan kaayyoo isaa galmaan
gahachuuf jecha yommuu asiifi deddeebi’u qamoota hedduu waliin walitti
bu’iinsa uuma.

A. Waldiddaa namaafi Nama jidduu- walitti bu’iinsi kuni garaagarummaa


ilaalchaa, amantaa, siyaasaa, kaayyoo, ejjennoo, yookiin eenyummaa
namfakkiiwwan qaban irraa ka’uun kan uumamanidha. Dabalataanis, inni
tokko isa biroo caalee fayidaa argachuuf, fudhatama qabaachuuf, caalee
argamuuf yoo carraaqu walitti kan bu’udha. Asoosama keessattis akkuma
namootni addunyaa dhugaarra jiraatan sababoota garaagaraan walitti bu’an
akkuma kanaa addunyaa asoosamaa keessattis walitti kan bu’anidha.
Faakkeenyaaf

“Guyyaatii gara guyyaatti akkuma umuriinkoo dabalaa


deemu dararamnii fi gidiraan na irra ga’uus daran
jabaataa deema malee hin hir’anne, kajjeellaa gorora
afaan of guutuu malee argadhee nyaachuuf
hincarroomne, anumti anumtu ofuma kootiif
huruursituu taheen of huruurse malee nyaadhee suuga
hinbaane. Bakka yaa’ii injiraaniifi garmaamsa tafkii
ta’uu koo homtuu naaf hinhubatne, anas hin
dubbatanne. Abbaa koo sanas jaalalli masaanuu haadha
kiyyaa raatessee osoo arguu jaamee osoo dhaga’uu
duudaa ta’ee ana ilma isaa… dhiiga isaa wareege”
(Abraam Tasfayee 2008).

22
Barreeffama kanarraa akka arginutti walitti bu’iinsi obsaafi haadha buddeenaa
isaa jidduutti uumame hammam akka isa miidhe yommuu ibsu kan
arginudha. Qaama biraa faanaa osoo hintaane obsaan gochaa haadha
buddeenaa isaa garmalee isa dararuu isaa irraan kan ka’e baay’ee walitti kan
bu’udha. Innis gochashee kana jalaa bahuuf yeroo sanatti waan godhu waan
hinqabneef ishee faana walitti mufata.

B. Waldiddaa namaafi uumaa:- gosti walitti bu’insa kanammoo yerootti


namni yookiin qoddattootni asoosamicha keessaa haalaafi yeroo adda adda
keessatti fedhiin isaanii guttachuu dadhabuun waaqa faana kan walitti
bu’anidha. Yerootti uumaa kana mormee mormiisaa dhageessisudha.
yommuu uumaa faana mormii gaggeessu kanammoo duuba deebi’ee wa’ee
jireenyasaa darbee, galma ga’iinsa har’a dhabaa jiruuf sababni akka
uumaa tahetti lakkaa’a. waan akka uumaan isa miidhuuf ka’eetti
oflakkaa’uun mormiisaa haalaan guddisee dhageesis. Wanta rawwate
maraaf balleessaan akka uumaa taheefi uumaanis akka waan garasatti
jal’ateetti yaada. Fakkeenyaaf

"…Yaa Rabbi, kun dhugumattuu maaliif ta 'ee achii dhufaatii


hidda dhaloota kiyyatu abaarsa qabamoo anumatu cubbuu
adaba kana na irratti fidu raawwatee? Uumaa koo naaf himi!!
hangana kan garaa natti si jabeesse maaliree? Iyya koo osoo
dhageessuu maaliif na ja1aa callistaree? … yaa Rabbi, akka
harka keetiin iia hinuu;niniitti maallf dugda natti gatta? Atis
akka maatii koo garaa jabaattee darbattee na gatte
jechuudhaa? Garuu, waa'ee kootiif ka dhibooftu erga taatee
durattuu maaliif na uumte? Gara biyya lafaa kana akkan
dhufuuf maaIiif eyyamte? Gadameesuma haadha kiyya
keessatti obbaatiin maktee osoo na hambiste ta’e anaaf
hinwayyu turee? Kanneen ta 'an marti akeekakeen ala akka
hintaane nan beeka. Hojiin kee martinuus garummaaf akka
ta'e nan amana. Bara jireenya ofii guutuu dukkana abaaraa
23
dukkana abaaraa dukkana keessa deddeebi'uurra
dukkanicha keessaa ba 'uuf hanga umna ofii wixxifachuun
akka filatamu hindaganne. Ilaa yaa Rabbi akka bara musee
“Mannaa” gad akka roobsituuf si hindhamaasu……. (Abraam
Tasfaayee 2008)

C. Waldiddaa namaafi uumamaa:-waldiddaan kunimmoo wadhabiinsa humna


uumamaa faana qabsoo tasifamudha. Qabsoo kaniinni qabuus jiraachuuf
jecha kan taasisudha. Fakkeenyaf, beela, gogiinsa, biqiloota, bineensotafi
kkf. Faana jireenyasaa mo’achuuf jecha kan walitti bu’udha. Fakkeenyaaf;

…..Buubbeen qarqara gabaa biilaatii qummaadee suuta


suuta annisaa horatee, saaxoo lafaa haree, biyyee
hammaree waaqatti olbittimsaa, sabbata mare maree samii
keessa munyuuqsaa gara wiirtuu magaalittitti qajeele.
Jabina mana jiraattootaa sochoosee madaala. laaftuu lafaa
butee garaa waaqaa keessatti ol furguggisa, jabaa bira
darbee tarkaanfii butata… (Abraam Tasfaayee 2008)

Walitti bu’iinsi askeessatti arginu kunniin waldiddaa namaafi uumamaa jidduu


jirudha. bakka kanatti yommuu ilaallu gochaa namootni gabaa bilatti
taasifatan mara kan mormuuf ramadaman fakkataa bubbee qarqara sanaa
ka’e. Namootni hedduun kan isaan walbitanii walitti gurguruuf bakka sanatti
walitti qabamani. Garuu qilleensi kuni achitti ka’uunsaa akkasanii waan fedha
isaanii akkasaan hin guttatneef kan dhorkedha. Dabalataanis, manneen
magaalaa sanatti ijaaramanii jiranifillee yaaddoo guddaa kan tahedha.
sababnisaas, kanneen jabaatani hindhabbatnee buqqisee deemuu waan
danda’uufi.

D. Waldiddaa namaafi hawaasa:- namni jireenya dhugaa keessa jiraatu tokko


qamoota adda addaa faana akkuma walitti bu’u, waldiddaan namaafi
hawaasaa kunis namni dhuunfaan tokko yeroo gareen murtaa’a tokko
aadaa, dudhaa, sirnaafi heera bulmaata saba tokkoo mormuun kan ka’an

24
jiraachuu danda’a. Kanarraa kan ka’e hawaasni aadaafi sirna bulmaataa
keenya hin dhiisnu jechuun yeroo falmu namfakkiin tokkommoo isaan
mormuun yoo ka’e walitti bu’iinsi ni umama.
5.3.1.2 Waldiddaa keessaa (internal conflict)

Waldiddaan keessaa akkuma maqaasaarra hubachuun danda’amutti


waldhabiinsa namni sammuu isaa faana taasisudha. Namni yeroo ofumasaa
ofiin yommuutti waldhabu keessa yaada isaa faana walitti bu’a. wantoota gara
sammuusaatti dhufanii isa dhiphisaniif yommuu inni deebii kennuu dadhabee
ofumasaan ofitti bu’udha. walitti bu’iinsi kunis kan uumamu:-

 Waldiddaa fayidaafi faayidaa


 Waldiddaa fayidaafi miidhaa
 Waldiddaa miidhaafi miidhaarraa kan madde tahuu
5.4 Yoomessaa (Setting)

Yoomessi yeroofi bakka seenaan asoosama dhangala’aa tokko itti raawwatame


kan agarsiisudha. Asoosama dhangala’aa keessatti gaaffii yoomii fi eessaa
jedhuuf deebii kennuuf gargaara. Kana malee, yoomessi bara seenaa,
kurmaanawwan waaggaa, torban ji’ootaa, qooddiiwwan guyyaa tokkoo
seenduubee hawaasdinagdee, uumama naannoon tokko ittiin beekkamuun
ibsama. Rawwiin ogbarruu tokkoo iddoo itti raawwatameefi yeroo ittii
raawatame agarsiisa. Kanaafuu, yoomessi asoosama dhangala’aa asoosamicha
dhugummaafi miidhagina gonfachiisuun dhaamsa barbaaddame
gammachiisaa dabarsuuf gargaara. Kana malees, yoomessi asoosama
dhangala’aa miidhagina seenaafi raawwii ogbarruu tokkootiif gahee gudda
qaba. Yoomessii karaa adda addaatiin dhiyaachuusi baramuu danda’a.
Maqaan namfakkootaa haala naannoo namfakkoonni keessa jiraataniitiin
moggaafamuu waan danda’aniif yoomessa karaa maqaa isaaniitiinillee addaan
baasuun nidanda’ama.

25
Yoomeessi meeshaalee tajaajila adda addaatiif namfakkoonni itti
fayyadamanirraa baramuu danda’a. Meeshaaleen kun kanuma hawaasa
keessa argaman waan ta’aniif sadarkaa guddina hawaasaa mullisuu kan
danda’anfi iddoo sanas alkallattiin ibsuu danda’u. Kanamalees, meeshaaleen
nyaataa, dhugaatti, uffannaa meeshaalee dalagaa adda addaa ittiin
hojjatamaniifi kanneen biroo mala jireenyaa hawaasa jabana saniifi qaroomina
hawaasichaa mul’suu danda’u. Kanaafuu, barreessaan tokko seenaa isaa
wajjiin meeshaalee deeman filatee itti fayyadamuu qaba.

1.5.1 Faayidaafi Tooftaalee Dhiyeessa Yoomeessa Asoosamaa

Seenaa asoosama tokkoo keessatti akka dalagame namfakkiiwwan


asoosamichaa keessatti argamanis, eessa akka jiraatan yookiin seenaan isaanii
eessatti jalqabee eessatti akka xumurame asoosamichi dhugumaan akka
qabaatu taasisa. Akkaatan haasaa, aadaan uffannaa dimshaashumatti halli
jiruufi jireenyi namakkiiwwanii asxaa bakka keessa jiraataniifi yeroo itti
jiraatan waliin kan walsimatu ta’ee yoo kalaqame namfakkiiwwan yomeessa
waliin walitti hidhata qabaatu.

Barreessitootni heddun asoosama barreessan tokkoof yoomessa isaan filatan


bakka ofiisanii sirriitti bekanidha. Sababni isaas wa’ee bakka ofii hinbeeknee
hasa’uun yookiin barreessun mudaa waan qabuuf, kunis yadawwan
waldhabaniifi haalaan dogoggorsiisa tahan uumuurra darbee dogoggora oguma
ogbarruu fiduu danda’a. Kanaafuu, asoosaan bakka ofii beeku yoo filatee
barreesse irra bu’aa guddaa qaba. Bakka seenaan asoosama tokkoo itti
rawwate himuudhaaf mala barreessitootni itti fayyadaman bakka lamatti
qooduu ni dandeennya. Barreessitootni tokko tokko bakka seenaan asoosama
tokkoo itti dalagame kallattiin yommuu himan kanneen biroon immoo
alkallattiin asxaa, mallattoo wantoota nannoo sanatti argaman fayyadamuun
agarsiisu.

26
Ibsi yoomessaa bakkuma qofaa ibsuuf kan oolu osoo hintaane haalaa
yoomeessa sanarratti hundaa’anii jireenya namfakkiiwwanii ibsuudhaaf ni
fayyada. Eenyummaan namfakkiiwwanii yoomeessa keessa jiraatanii fi
maalummaa gocha ta’ee sun ija sammuun akka ilaalammu tasisa. Gochi
fedhiin yaadni, eenyummaan namfakkiiwwanii yoomeessaa keessa jiraataniin
hubtama.

Birkiin yoomessaa inni biroo immoo yeroo yommuu tahu yeroon seenaa
asoosamichaa itti rawwatamu bakka sadiitti qoodna.

I. Bara seenawaa namfakkiiwwan seenichaa keessatti argaman itti


jiraatan, bara seenaan asoosamichaa itti dalagame
II. Tibba yookiin waqtiilee seenaan asoosamichaa itti dalagameefi
namfakkiiwwan keessa jiraatan
III. Guyyaa, aduu, halkan, sa’aatii, ganama, galgala,... gochaawwan
seenichi itti rawwatame hunda ofkeessatti hammata.

Gosoota seenaan ittiin ibsamu keessaa yeroo alkallattiin ibsamu adda baasanii
beekuuun dubbistoota rakkisu bara seenawaadha. Kana jechuun bara
seenawaa asoosama tokkoo tasuma baruun hindanda’amu jechuu osoo hin
tane tooftaalee adda addaan beekuun ni danda’ama. Bara seenawaa adda
baasanii baruudhaaf tooftaalee armaan gadii fayyadamuun gaariidha.
Tooftaaleen kunis

I. Barreeffamicha keessatti jireenyi hawaasaa ibsame yookiin ibsamuu


akka danda’amu qalbeeffachuu
II. Namfakkiiwwan asoosamicha keessatti argaman
a. Ilaalchaafi yaada isaan calaqqisiisan
b. Meeshaa isaan itti fayyadaman
c. Akkaataa uffaannaa isaanii
d. Haala jiruufi jireenya isaanii xinxaluudhaan namoota bara kamii
akka ta’an adda baasuu

27
Asoosama kudhaama jalalaa kana keessaas haala dhiyeessa yoomessaa
yommuu ilaalllu, yoomeessi Haala qilleensa, guyyoota torbaanii,
tibbawwan,lafa gabaa, mana barnootaa, hooteelaafi kkkf tahuu danda’u.
Asoosamni kunis dhimmoota kanarraan alaa kan tahu miti.

……Guyyaan har’aa Adooleessa torba. Mana barumsaa


danuutiif guyyaan itti dalagni baruufi barsiisuu waggaa
tokkoo xumurame baatii gannaa lamaan hafaniif manni
barumsaa cufamuudha. Barataan gara kutaa itti aanutti
darbe gammadee inni kufes kan gaddu guyyuma
kanaadha…... (Abraam: 48)

Hafeen cittuun armaan olii kuni kan mul’isutti, bakkeetti yoomessi seenaa
tokko raawwatame kan mul’isudha. Adooleessi yeroo gannaa yerootti wantootni
hundi biqilaanii guddatan, rooba lafti bonaan ture arfaasaan dhufee lafti
bokkaan jiidhee ji’a kana keessa immoo wantootni hundi yeroo itti tolee
guddatudha. Kana malees, yeroon kuni qonnaan bulaaf yeroo dalagaa cimaa
barattootaaf immoo yerootti bu’aa barnoota isaanii yommuu itti beekanidha.
Yeroo gammachuutis yommuu gaddaatis. Yeroo barattootni ciccimoon
badhaafamuu ofiifi maatii isaanii gammadan kanneen kutaadha gara kutaatti
hin darbiin hafan immoo gadduun dogoggora isaanirraa barachuun kan of
qopheessanidha. Kanamalees gochi bakkatti raawwatame mana barumsaa
bakka beekumsi keessaa burqu, bakka doofumma itti balleessaan, baakka
hiyyyummaa itti seenaa godhanidha.

Dabalataanis yoomessi Asoosama kana keessaatti argaman kan biro yommuu


ilaallu;

Guyyaan har’aa dilbata. Guyyaa miidhagaa…. Guyyaa


boqonnaa…. Guyyaa hunduu arguuf hawwe. Ganama si’oo
mana sagadaatii deebinu guyyaa har’aa kan nuti dabarsinu
akka duraa haroo Intoo deemuun osoo hin taane mana

28
isaanii turuun akka ta’e akkasumas laaqana afferamuu
Fedhiin natti himtee turte….(Abraam:95-96)

Asoosama kana keeessatti akka mul’atutti guyyaan dilbataa namaaf dhiisaatu


guyyaatti waaqni iyyu uumama hunda uumee booda boqoteedha. Guyyaan
kuni nama kamiifuu guyyaa addaati. Dabalataanis, yoomessi asoosama
kanaan iddoo seenaan guddaan itti raawwatame kan biroon jiru.

…. Anaan ala kuticha keessa namni biraan hinturre.


Quruph jedhee siree koo isa qooxii sana irraa gadi
utaaleen miilluma qullaa gara daawwitichaatti qajeele.
Mucaa magaala miidhagaa tokkoon arge…mucaa midhagaa
haatii miidhagduun deesse…..(Abraam :85).

Yoomessi asoosama kana keessaatti barreessaan itti fayyadamee seenaan


hafee kanaa itti raawwatame siree koo isa qooxii irraa lafa bu’ee yoo jedhu
yoomessi seenaa kanaa kan itti rawwatame bakka jireenya barattootni
gamtaan jiraatan tahuu kan mul’isudha. Kana malees hoosteela bakka jireenyi
gamtaan jiraatamu tahuusaa kan nutti agarsiisa. Akkaataan itti fayyadama
qabeenyaa kan waliinii akka tahe tilmaamuun ni danda’ama.

5.5 Dhaamsa (Theme)

Hojiin kalaqaa kaamiyyuu waan barreeffamuuf qaba. Kaayyoon kunis haala


jireenyaafi muuxannoo namfakkootaa, seenaa asoosamichaa, waldiddaafi
caaculewwaan birootiin kuulamee darba. Dhaamsi ergaa dimshaashaafi
killayyaa asoosaan dabarsuu barbaade. Dhaamsi, ergaa ijoo asoosaan
dubbistootaaf dabarsuuf kaayyeffate yommuu ta’u, innis kan dubbistootaan
salphamatti hubatamu ykn hinhubatamne ta’uu danda’a. Tooraafi fuula
asoosamichaa murtaawaarratti kan argamu osoo hintaane cuunfaa waliigalaa
hojii asoosamichaati. Yoomessi, waldiddaan haalli dhiyaannaa qooddattootaa,
ijji seenessuufi miirsagaleen dagaagina dhaamsaatiif tumsu.

29
Dhimmiifi dhaamsi hojii ogbarruu tokko miti. Fkn Asoosamni tokko wa’ee
midhaan qotee bulaa jalaa badee tokko kan ibsu yoo ta’e, dhimma isaati.
Wa’een miidhaan badeefi rakkoowwan waliin ibsaman dhimmaa malee
dhaamsa miti. Dhaamsii ergaa sababni asoosamichi barra’ee sanaati malee
wa’ee miidhaan badeetii miti. Ergaan dhimma kitaabicha keessaa sakatta’amee
ba’u. Dhimmii yaada waliigalaa ergaa barreessan addaan baasee dhimmichaa
hiimuudha.

Dhaamsi hojii ogbarruu keessatti dhiyaatu karaa lamaan dhiyaachuu ni


danda’a. Kunis karaa kallattiifi alkallattiti. Ijoon ergaa dhimmoota ciccimoo
hawaasa keessa jiran haala jireenyaafi sadarkaa isaa, aadaa, duudhaa,
barsiifata, amantii, siyaasa. dinagdee, kallattiin, yookin habalakaan
calaqaqissisa. Barreesitootni tokko tokko immoo yoomessaa asoosamichaa
gargaaramuun dhaamsasaa dabarfachuu danda’a. kanneen biroon immoo
maqaa qoddataa achi keessa jiruun dhaamsisaa walqabatee moggaafamuu
mala. Kanneen biroon immoo kanneen kanarraa adda godhanii dhoksaan
ergaa asoosama isaanii dabarfachuu danda’u.

Gama birootiin mata dureefi ergaan asoosamaa walqabachuu ykn


walqabachuu dhiisuu danda’a. Mata dureen asoosama tokkoo maqaa
qooddataa muummichaatiin fkf Kabiir Waadoo Gadaa, ykn ammoo dhaamsa
isaatiin fkf ‘Abdii Dukkanoofte’, ykn yoomessa isaatiin moggaafamuu danda’a.
Mata dureen asoosama tokkoofi dhaamsi isaa tokko tahee yommuu
barreeffamu darbee darbee ni mul’ata. Fakkeenyaaf,

“… jalalli karoora kee, jallachuun abdii kee, jaalalli galma kee


erga ta’ee ati Kudhaama jaalalatikaa! ‘Kudhaama Jaalalaa’
jedhee si moggaasadheera. Kudhaama koo, jiraataa barabaraa
isa ta’e laphee jaalalaa keessatti sii kudhaammadhee yeroo mara
‘Kudhaama Jaalalaa’ jechaas si yaamaa nan jiraadha.”… go…
golee ja… ja.. jaalalaa keessan hulluuqnee hanga dhuma lafaatti
(AbraamTasfayee 2008).

30
Akkaataa kanaanis dhaamsi asoosama tokkoo mata duree sanaan
moggaafamuu danda’a. Akkuma armaan olitti ilaallutti dhaamsi asoosama
Kudhaama Jaalalaa mata duree sanaan kan walqabatudha. Dhamsi isaa mata
duree sanarraa kan argameefi kudhaamni jaalalaa gosa adda addaa tahuu
mala. kana jechuun jaalala hiriyaa, jaalala haadhaa, kan abbaa, biyyaa fikkf
tahuu danda’a. kana jechhun immoo asoosamni hundi akkaataa kanaan
barreeffama jechuu miti. Inni biroon immoo ulaagaa biroo fayyadamee
katabuu danda’a.

5.6 Ija Seenessuu (Point of View)

Ija seenessuu kan jedhamuu iddoo barreessan namfakkoota ka’uun seenaa


hojii ogbarruu tokko ittiin dhiyeessu. Ijji seenessuu seenaan sun eenyuun
akka seenfamaa akka jiruu ramaddii kamiin dhiyaachaa akka jiru agarsiisa.
Isaanis:-

A. Ija seenessuu ramaddii tokkoffaa:- Ija seenessuu kana keessatti


seenaan asoosamichaa qooddattoota jaargocha sana keessaatti argamu
tokkoon dhiyaata. Bamaqaawwan ija seenessaa gosa kanaa keessatti
mul’achuu danda’an kanneen akka ana/ani fi nu/nu’i kannaan
jedhaman. ciminni ija seenessuu kanaa seenaa asoosamichaa keessatti
kan hirmaatan fi waa’ee seenichaa kan beekan waan taheef seenicha
akkuma jirutti seenessuu waan danda’uuf dhugummaa qabaachuu
danda’a. gama biroon immoo laafina inni qabu ilaalcha barreessaatiif
bakka kan kennu miti. Barreessaan ilaalchaafi hiika jireenyaa gidduu
jidduutti odeessuu hin danda’u. dabalataanis, seenessaan akka waan
seenicha keessatti hirmaateetti waan dhiheessuuf wa’ee ofiisaa itti
dabalee yookiin gurra guddisee dhiheessuu danda’a. Fakkeenyaaf “
Ani homaa yaaduus ta'e dubbachuu hin dandeenye. Keessi
afaan koo natti hadhaa’e, onneen koo akka nama tabba
fiagaa oolee saffisaan dhikkifate,. akka nama ilkaaniin
dhagaa, ciniinee rifeensa mataatii hanga qeensa millaatti

31
qaamni na suuka'e. Seenaa suukanneessaa gurri kiyya na
dhageessisuutta jiru kun ka hidda dlaaloota kiyyaarra ga'e
osoo hintaane Asoosama Asoosaa bilchaataan qophaa'e
natti fakkaate (Abraam Tasfaayee 2008)

Bamaqawwan gurraacheeffaman kana osoo ilaalle asoosamni kuni ramaddii


gosa akkamiin akka seeneffame tilmaamuu ni dandeenya. kunis namtichi
seenaa nutti himu sun akka nama seenicha keessatti hirmaateetti waan
hunda nuuf seeneessa. Kanaafuu, waraabbii armaan olii kanarraa akka
hubatnutti bamaqoota ramaddii tokkoffaa ibsanitti fayyadamuun seenicha kan
nuuf dhiyeessedha. Abbaan seenaa kana akkasiin dubbistootaaf seenessu
kunis seenicha keessatti kan hirmaate tahee argama.

B. Ija seenessuu ramaddii lamaffaa:- Ija seenessuu kun ati/si, isin jechaa
ramaddii lammaffaan kan dhiyaatu yommuu ta’u barruu guutuu
keessatti male asoosama dhangala’aa keessatti ija seenessuu bal’inaan
mul’atuu miti. Fakkeenyaaf, Asoosasama kudhaama jaalalaa keessaatti

…."Maaloo sin kadhadhaa naaf kadhatami. Lubbuun, kiyya si


dhabuu hinfeetu. Kara-deemaa taatus miiltoo kee godhuu of,
faana na buusi malee garaa jabaattee na irraa fagattee
hindeemin. Obsaako, mee si 'oo tokko duluunfadhu, akkam
dukkannisaa nama hinsodaachisuu? Egaan Obsaako, jalala
kee dhabee jiraachuun dukkana ati amma agarte keessa
deddeebi’un qixa akka ta’e maaloo naaf hubadhuka! jechaa
jilba kiyya irratti kuftee hirqitee boosse. Akkaataan boo'icha
ishii garaa na nyaatee anis waliin boo'uun jaiqabe (Abraam
Tasfaayee 2008) .

seenaan tokko ija ramaddii lammaffaan seeneffame kan jenne namootni lama
yommuu isaan walitti dudubbatan haalaan mul’ata. kunimmoo waraabbii
asoosama dheeraa kudhaama jaalalaa jedhu keessaa kan fudhatme yommuu

32
ilaallu, jechootni jala bamaqaawwan ija rammaddii lammaffaa mul’isaaniin
kan seeneffamedha.

C. Ija seenessuu ramaddii sadaffaa:- Ija seenessuu kana keessatti


bamaqaawwan isa, ishee, isaan jedhamantu mul’ata. Seenessaan
seenichaa barreessaa/asoosaa seenichaa ta’uu danda’a. Ramaddiilee
bamaqaa kanaan seenicha kan seenessu yoo tahe asoosamichi ija
akkasiin seeneffame jennee dubbachuu dandeenya Fakkeenyaaf,

Akkaataan uumama fedhii baay’ee na dhiba. Ishii qofa miti,


abbaan ishiis akkuma kana. Jalalli isaanii dhala namaa hundaaf.
Gaarummaan isaaniis daangaa dhabeessa. Imimmaan ishii
argeen ofii kiyyattan gadde.Akka fedhe ta’ee miira natti dhaga’ame
dhoksuutu narra ture. “…maaloo balleessen jira dhiifama na
godhi. Sichittis itti hin deebi’u.” jedhee yommuun sossobu homaa
osoo afaanii hin baasatin ol jettee na ilaalaa harka koo lamaan
laphee ishiitti qabattee yeroo dheeraaf erga yaddeen booda,
“Obsaako, hagam ofiikee miidhaa akka jirtu sitti hin dhagahamu
mitii? ka biraa haahafuutimee maaloo anumaaf jidhii ofii kee
dhiphisuu dhiisika,” jettee miira dhiphateen harka koo lamaan
jabeessitee laphee ishiitti qabaa (Abraam Tasfayee 2008).

Haala kanaan ramaddii ija sadeffaan seenaan sun dubbistoota asoosamichaa


bira dhaqqabuu danda’a. bamaqootni gurraacheffaman kunis iji seenessuu
asoosamichaa ija ramaddii ija sadeeffaan tahuu mul’isa. Ijji seenessuu
ramaddii sadaffaa seenessaa hundabeekessa (Third person omniscient) ykn ija
seenessaa hundabeekessa murtaawaan (Third person limited omniscient
dhiyaachuu danda’a.

 Ijji seenessaa hundabeekessa:- Ijji seenessaa hundabeekessi gochaafi


jecha qooddattoota hundaa qofarratti kan hundaa’u osoo hintaane
sammuu isanii keessallee seenuun ilaalcha isaaniillee qooddatto

33
dubbistoonni asoosamichaa waan qooddattoota asoosamichaa
dubbistoonni akka beekaniif gargaara. Bakkiifi yeroon osoo isa hin
dangessiin waan hunda jalqabaa hanga dhumaatti namatti hima.
Seenessaan kuni ija akkawaaq jedhamuun beekama
 Ciminni ija seenessaa kanaa odeeffannoo jiru hundumaa
dubbisaadhaaf dhiyeessa, dubbistoota muxxannoo guddaa hin
qabneef gaariidha. Akka dadhabinaatti wanti ka’ummoo dubbistootaafi
namfakkoota walirraa fageessaa waan deemuuf seenicha laffisaa
deema.
 Ija seenessuu hunda beekessi murtaa’aa:- Ijji seenessuu kun
qooddataa kootamaarraatti xiyyeeffata. Kanaafuu, ijji seenessuu kun
dubbistoonni asoosamichaa waan qooddataan muummichaa yaadu,
fedhu, hojjatuufi dubbatu, akka beekanii gargaara. Seenessaan fedhii,
yaadafi ilaalcha namfakkiiwwan hunda guutummaa guutuutti
hinbeeku. Gocha wa’ee seenichaa keessatti dalagamu ta’ee waa’ee
namfakkiiwwani beekumsa seenessaan qabu murtaawaadha.
 Ciminni ija seenessaa kanaa dubbisaafi namfakkii walitti dhiyeessa.
Dadhabinni isaammoo dubbistootni wanta namfakkiin filatame
hordofu, malee dangaa sana darbuu hin danda’an. Akkasumas,
beekumsi namfakkiin seenessaan filate sun qabu muraasa ta’uu waan
danda’uuf dubbistootni odeeffannoo barbaachisaa ta’e dhabuu
danda’a.
 Ija seenessuu Akkidiraamaa:-. Ija namfakkii kana keessatti seenaan
asoosamichaa waliindubbii ykn ofiin dubbii qooddattootaatiin
dhiyaata. Kun ammoo asoosamichi caalmaatti hawwataafi unkaa
diraamaa akka qabaatuuf gargaara. gosti ijaa kuni irra caalaa
asoosama ammayyaa keessatti argama. Faallaa gosa ija waahunda
beekiidha. Jechuunis eenyummaafi amala, fedhii, yaada
namfakkiiwwanii dubbistootatu gochaasaan dalagan, haasaa afaan
isaanii keessaan hubatu malee seenessatu itti hima miti. Gaheen
seenessaan ija kanaa wanta fuulaafulatti mul’atu yookiin gochaa
34
namfakkiiwwan ifaan ifatti dalagaan qofaa akkuma jirutti dhiyeessa.
Iji kuni ija akka kameeraa jedhamuun beekama. Ija namfakkii kana
keessatti seenaan asoosamichaa waliindubbii ykn ofiin dubbii
qooddattootaatiin dhiyaata. Kun ammoo asoosamichi caalmaatti
hawwataafi unkaa diraamaa akka qabaatuuf gargaara.
 Cimina dubbistootaafi namfakkiiwwan baay’ee haalaan walitti
dhiheessa. Laafinni isaa immoo dubbistoota muuxannoo baay’ee hin
qabnee hubachuu dhiisuu danda’a.
5.6.1 Tooftaalee filannoo ijaa

Seenaa asoosama tokkoo dhiyeessuuf gosti isaa mijaawaadha jedhamee


amanamu seenaa asoosama biroof mijaawaa tahuu dhiisuu danda’a. kan isa
tokkoof tahu isa biroof hin tahuu jechuudha. Barreessaan tokko filannoo isaa
yommuu adeemsiisu ofeeggannoo cimaadhaan waan itti yaadeet dalaguuf
rakkinni kuni yeroo baay’ee hin mudatu. Barreessaan gosa seenaasaa ittiin
seenessuu kan ittiin murteessu

a. Qabiyyeefi amala seenaan asoosamichaa ofkeessatti hammatee jiru


b. Kaayyoo gooroo galmaan gahuuf karoorfate
c. Namfakkiiwwan asoosamicha keessatti argaman bu’uura taasifateeti.
Kanaafuu, gosti ijaa barreessaan filatu seenaa asoosamichaan
seeneffamuu barbaadameefi gochaawwan asoosamichaa keessatti
argaman walitti gudunfee dubbistootaaf kan dhiyeessu tahuu qaba.

Barreessitootni tokko tokko asoosama isaanii keessatti gosa ija tokko qofa kan
gargaaraman yommuu tahu kanneen biroon immoo gosa ija lamaa
fayyadamu. Namootani gosa ija lama qabutti gargaaraman yommuu ija isa
tokkoo gara biraatti jijjiiran sababa gahaa yookiin dirqisiisaa tahe qabaachuu
qaba.

5.7 Tooftaawwan Ogumaa (Literary Techniques)

35
Asoosamafi barreeffamoota ogumaa garaagaraa keessatti barreessitootni
oguma adda addaa tooftaa garaagaraa fayyadamee dhiyeessuu ni danda’ama.
Tooftaawwan ogumma kunis karaa hima egereen, duub deebiin, waliin
haasaan, ofiin haasaan, addeessuun, fakkoommiinifi kkf fayyadamee
dhiyeessuu mala.

I. Himageree (Foreshadowing)

Himnegeree hojii asoosama dhangala’aa keessatti seenaan babaalchaa deemuu


sana ilaaluun gara fulduraattii maaltu itti aanee dhufuu akka danda’u
tilmaama ykn fulcha (hint) kennuuf gargaara.

Himnegeree seenaan jireenya namfakkii bu’aa bahiifi milkaa’ina akkamii


keessa akka darbu hubachiisuu danda’a. Gaaffilee dubbisaan maaltu akka
qooddattoota qunnamuu danda’anirratti kaasanirratti tilmaama cimaa akka
qabaatanii abdiin akka dubbisaniif fayyada.

Tilmaamessuun hojii ogbarruu keessatti haala waldhabbii uummamuun,


qindoominaa jaargochaa, eenyummaa namfakkiifi seenaa asoosamichaa
keessatti waan isaan qunnamu, karaa eenyutiin maal akka isaan qunnamuu
darbee darbee fulcha (hint) kennuun agarsiisuu qaba. Haallii kunis seenaa
sana akka qalbi rarraasuun uumamuu (suspense) deeman taasisa.
fakkeenyaaf kitaaba Kudhaama Jalalaa Abraham Tasfayee barreesse keessatti
obsaan waan gara dhuma kitaabichaa keessatti rawwatu gara fuula jalqaba
irratti dubbachuun kan kaa’ee hubanna.

"……..Guyyaa tokko" jechaa abdii facaasan haammachuuf


obsi hadhooftuudha: janna daboomsitec afaan!
uluugamtee tattakaalti, akka isa raata'ee garaa gubatetti
ilkaan kofalchifti ba'aan quressitee eelaaf nama gooti.
36
guvvaa tokko garuu wiirtuu hadhaa keessaa mi'aatu
burqa. - mi'aa qixxee hinqabne…… (Abrahaam Tasfaayee
2008)

Asoosama kana keessatti barreessan asoosama kana akkataa seeneffama


asoosamichaa bifa lamaan fayyadamuun seenicha gara fuulduraatti kan
adeemsisaa turedha. Kunimmoo dubbistootni akka seenaa sana garduubaatti
deebi’anii yaadaniifi gara fuulduraatti yaadaa dubbisan agarsiisaa qalbii
dubbistootaa harkisuuf gargaara. Fakkeenyaaf, hafeewwan asoosamichaa
keessa jiran fuunee walduraaduubaan yoo ilaallu.

“eeyyeen Obsaako! Ati dhugaatti amani malee obsi du’aa


dammaqsuu jiraataa taasisee ka jiru fayyaatti ni
ajjeessa! Ofii kee waliinis walitti sii araarsa!” jedhanii
ofitti amanamummaan na deebisan…….(Abraam :9)

Hafeen kuni akka agarsiisutti seenaa haati buddeenaa obsaafi abbaan isaa
waliigalanii haatikee duuteetti jechuun kan itti amansiisuu danda’uufi booda
akka isaan dhumarratti leeyya’an waan gara fuulduraatti raawwatamu har’a
kan abbaan jaldeessoo kan obsaatti himu seenaa dhumarratti
raawwatamedha. Dhumarratti abbaan obsaa inni fayyaatti jiru akkanni
leeyya’u waan amma siin jechaa jiru kuni guyyaa tokko keessaatti dhagahamee
gaabbii keessa akka seenu kan ibsudha.

… Atis yommuu sana leeyyoo keessaa hinbaane


dugdatti fe’attee gaabbiin waxalamtee, oljettee ija ishee
keessa ilaaluu leeyyaatee, boquu cabsuuf jirta. Yoo
deebitee dhiifatama gaafatteef garuu garaan haadhakoo
akka kan kee miti. Jaalala waliif qabdan sana
yaadattee dhiifatama siigooti malee gonkuma osoo
jirtuu waa’ee du’akee hinlabsitu…(Abraam: 39)

37
Himageree hafee kana irraa akkuma hubannu wanta yeroo dheeraan booda
raawwatamu har’a obsaan abbaasaatti himuu kan mul’isuudha. Kanaaf
seenaan asoosama kanaa haala kanaan namoonni akka isaan yaadaan duuka
bu’anii dhuguma abbaan obsaan akka leeyya’uu, qaana’ee akka biyyaa bahe ,
dhumarratti akka haati obsaa akka itti araarmtu dhumarratti kan mul’ateef
amma dursanii kan raaganidha.

II. Mil’uu (Flashback)

Mil’uun seenaa ogbarruu keessaatti darbee darbee duubatti deebi’uun


seenaawwan darban dubbistoota ykn daawwattoota yaadachiisuun kan
seeneffamaa jiruun walqabsiisuudha. Kun ammo seenaa namfakkii abba
seenaa keessa darbe muli’suun jargocha keessa jiru cimsuuf gargaara.
Toofataan ogbarruu kun seenaa darbe hunda duubatti deebi’ee seensessa
jechu miti. Seenaa darbe keessaa rawwii seenichi yeroo mil’uu keessa jiruu
sanaa seenduubee darbee waliin walqabsiisuun yaadachiisuufi cimsuuf
dhiyaata. Dabalataanis amalli namfakkoonni yeroo ammaa jiraatan agarsiisan
kun eessaa madde kan jedhu beekuuf gaariidha. dabalataan immoo seenaa
darbe duubatti deebi’uun dubbistoota yaadachisuufi seenaa isa dubbachaa
jiruuf immoo cimina akka tahuuf itti yaadee dubbachuu mala. Fafakkeenyaaf,

Ija koo fakkeettii keessaan goree na ilaalu irraa ka’ee


dhabadhee godaannisicha qaqqabataan yaadaan
duubatti deebi’ee wa’ee Abbaa Jaldeessoo osoon yaaduu
imimmaan na irra gad lola’e. Diiminaan lamxi’amee
godaannisa kana akkaan baadhuuf sababni hawwalcha
dhabuu isaani irratti argamuu kiyya. Reeffaa isaanii
fuudhee namni hawwaalu dhibnaan kan hawwaale
bulchiinsa Magaalaa ture. oolmaa isaanii osoon
hindeebisiin darbuu isaanitiin keessi koo hadheeffatee
boo’e. (Abraam Tasfaayee 2008)

38
Barreeffama kanarraa akka hubannutti obsaan seenaa yeroo kanaan dura
dabarsaa ture sana har’arra dhabbatee gara duubaatti deebi’ee yommuu
yaadu baay’ee kan isatti dhagahamuufi keessa isaa baay’ee kan ceephessu
tahuusaa ibsa. kana malees haala kanaan ibsuunsaa immoo seenaa darbe
yaadachisaa kan deemuufi seenaa isa itti fufuuf immoo utubaa tolfachaa akka
deemuuf kan gargaarudha.

Gama biroon hafeewwan asoosama kana keessa jiran keessaa kanneen seenaa
amma osoo dubbachaa jiranii waa’ee isa darbee duubatti deebi’uun kan
yaadatan hedduutu mul’ata.

….. Arraba xaxamee hoomaa dubbachuu hin dandeenye.


Afaan keessi na goge; qaamni kiyya gutummaan dafqaan
xoolla’e. Akka yommuu haati buddeenaa kiyya na kabaltuu
gurra kiyya keessaa na iyye, gosti halluu ija dura maree
argaa na daangesse…….(Abraam: 21)

Hafee kana keessatti wanti mul’atu Abbaan Jaldeessoo osoo dhaamsa


dabarsaafii jiruu gochaa haati buddeenaasaa kanaan dura isarratti raawwatte
caballaan, miidhamni, dhukkubbiin gidaramuun, dhiphachuun, hidhamuun,
miirri yeroo sana namatti dhagahamu, beela’uun, darbe isa yaadachiise,
seenaa kanan duraa isa dhamdhamsiise.

39
III. Waliin Dubbii(Haasaa)fi Ofiin Dubbii (Dialogue & monologue)

Waliin haasaan dubbii namni lama dubbii tokkorratti taasisudha. Asoosama


keessatti faayidaan waliin haasaa miira namfakkiiwwanii, fedhii isaanii,
ilaalchaa isaanii hubachuuf gargaara. Kanamalees, qunnamtii
namfakkiiwwanii ilaalchaafi eenyummaa isaanii waan ibsuuf seenaa
asoosamichaa gara fulduraatti akka tarkanfatu gargaara. Dabalataanis,
miidhagina guddaa kan kennudha. Waliin haasaannamni tokko qaamoota
garaagaraa faana yommuu inni walitti dhufeenya uumaa deemu waliigaluuf
jecha osoo hinjallattiin waliin haasaa gaggeessa. keesumayyuu asoosama
keessatti qooddattoota olaanoofi masaanuu jidduutti haalaan mul’achuu
danda’a. Fakkeenyaaf,

“Yaa abbbaa koo ammaafilled hunduu harka kee keessa jira.


Qamalee bonee toletti seente taatanii jirtu. Garuu anatti kan mul’ate
isa dhumni keessaan antuuta qamaaxiriin eegee qabe ta’uudha. Atis
abbaa, mee itti yaadi. Har’a maal fakkaatta laata? si’a tokkoofillee
osoo dawwittii namummaa dura of dhaabdee mal akkaan dhibame
atuu anaaf hubatta turte”. Jedheen afuura aariin walirraa kukkutu
baafadhe. Qaamni koo gutummaan dafqaan xolla’eera. kanaan
dubbadhu hundi gara garaa koo keessaatti kan dacha’u natti
fakkaata.

“obsaa maal rakkatte har’a.”

“Dhugaa jiru siif hime malee anoollee homaa hinrakkanne. kunoo


harkaafi miilla kiyya akka gaariitti hidhattanii jirtu; homaa socho’uu
hindanda’u. Hoolaan qalmaaf dhalate akkanaan jira. Qarabaan
akka gaariitti diimatee finiinemmoo harka keessaan….” (Abraam
Tasfaayee 2008)

40
Waliin haasaa Obsaa, haadha buddenaafi abbaa obsaa jidduutti uumame
kanarraa akkaataa kamiin waliin haasaa asoosama tokko keessatti uumamu
ilaaluun ni danda’aama. kunimmoo seenichi gara fuulduratti akka deemuuf
kan tajaajiludha. kana malees waliin haasaan qooddattoota jidduutti qofaa osoo
hin taane, qooddataafi hawaasaa, uumama naannoo faana sadarkaa
garaagaraatti adeemsifamuu danda’a.

Ofiin haasaan waa’ee dhimma tokkoorratti mataa ofii waliin dubbachuu,


haasa’uu jechuudha. Asoosama keessatti faayidaan ofiin haasaa yaada
sammuu namfakkii keessa nanna’u icciitii isaa ifa baasuu gargaara. Yeroo
sanatti wanta dhoksaa namatti hinhimanne yommu ofiisatti hasa’u ni
dhagahama. Fakkeenyaaf

Garuu Uumamni maaliif dhala namaa akkanatti walcalchisti?


Qaama daa’ima hollaa koo gosti nyaataa dabaree itti waldabarsee
hogguu ijaaru kiyya qaqqabaan jiita’ee guddinni gadi. Da’imman
hollaa koo maatiin qerqedee koflaan yommuu macheessu anaan
maccorraatu waadee ciniinnaa ilkaanii summii ‘mirgisutu’
dacha’ee sagalee kolfee hin quufneen akka korma gorra’anii
gadoochisa; iji karra saaqee imimmaan ‘mirgisee’ maddii irraan
gadi lolaasee kafana na irratti xollessa(Abraam Tsfaayee 2008).

Obsaan haala kanaan yommuu wa’ee jireenyasaa qophaasaa sammuu isaa


waliin mari’achuun oliifi gad buusee kan yaadu eenyuun akka gaafatu
wallaalee, matumasaa waliin yommuu hasa’u ni argina. Walitti bu’iinsi akkasii
kuni irra caalaa kan uumamu gaaffii namni tokko sammuu keessa yeroo mara
deddeebi’uuf furmaata laachuuf jecha yommuu yaalu humna isaa oltahee
yommuu argamu. Waan isa dhiphise sanaafis maaliif akkas hin godhu, yoon
akkas jedhemmoo inni kunimmoo akkam ta’a jedhee yaadurraan kan
maddudha. Sammuu isaa faana walmormuun, yeroo birootti immoo deebi’ee
ofumasaa waliin hiika itti kennuuf kan dhama’udha.

41
IV. Addeessuu (descriptive)

Addeessuun tooftaawwan ittiin asoosama barreessinu keessaa tokko tahee


haala sammuu dubbistootaa keessatti malummaa wantoota addeessinu sanaa
sirriitti ka’uudha. Kanas jechoota garaa garaatti gargaaramuun sammuu
dubbistoota keessatti fakkii/suura / waan sanii maal akka tahe uumuudha.
Dabalataanis, dubbistootni qaamaa waan addeeffame sanaa osoo argan akka
sirriitti adda baasanii beekan gochuuf gargaara. Fakkeenyaaf;

Fedhiin dubara simboo qabeettii, dheertuu, diimtuu,


miidhagduu, mudaa hin qabneedha. Abbaa ishii obbo Roobaafi
haadha ishii aadde meetiif tokkittii dhalaati. Abbaan ishii
“Tokkee” jedhanii ishii waamu. Haati ishii aadde meetiin
dhimma hojii ta’ee maatii irraa adda ba’anii Finfinnee jiraatu.

Gurguddina ija ishii raajaa waa’ee addeenya ilkaan ishiis


kaasee kutaa qaama keessaa tokkollee osoo hinhanbisiin
hundumaa lakkaa’ee danuutu faarse. Ishii argee danuutu
bareedina uumaa ajaa’ibsifate. Jaalala ishiitiin boojji’amee
danuutu harka late. kan isaa godhatee, rifeensa ishii
boraafatee, guntuuta lamaan gidduu of ruuqee jiraachuuf
dhiira danuutu hawwee, deebii latamuuf danda’u dursee
tilmaamee hawwii isaa guttachuuf yaaluu gowwummaatti
lakkaa’ee danuutu afaan qabatee cal’isuu filate. kanneen ija
jabaatanis hin milkoofne. jechi dhagaa gargar tarsaasuuf
humna ga’aa qabullee laphee ishii hin dandeenye. Hiriyyaan
Ishii hingowwomsine. Bareedina ishii raajuun yaada ishii
hinhatne. Qarshiin ija hinqabne (Abraam Tasfayee 2008).

Addeessuun eenyummaa nama tokkoo jechootaan fayyadamuun namoota


biroof gadfageenyaan agarsiisuudha. Barreeffama kana keessattis barreessaan
asoosamichaa wa’ee miidhagina fedhii, ilaalcha isheen qabdu, haadhaafi abbaa
kamirraa akka dhalatte, hojaan, bifti, dubara akkamii akka taate, amalli

42
fedhiin qabdu, nama kamiinuu kan hingowwomfamne, qarshiin kan hin
bitamne tahuushee eenymmaa ishee asoosama arga yaadaan wa’ee ishii
dubbistoota dawwachiiseera.

V. Mallattummaa (symbolism)

Mallattoon bakka bu’aa waan tokkoo tahee Kan tajaajiludha. Yommuu waan
tokko rawwannu wantootni akka mallattootti hawaasichi itti gargaaramu ni
jiru. Barreessanis jechoota sammuu namaa keessatti fayyadamuu yookiin
immoo wantoota akka mallattootti jiran haalaan fayyadamuudha. Garuu,
mallattoon kuni bakka adda addaatti jijjiirama guddaa qaba. Mallattoolee
kanas bakka sadiitti qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

1. Akka waliigalaatti
2. Akka hawaasaatti
3. Akka dhuunfatti tahuu danda’a.

Mallattummaan kuni jechoota sammuu dubbisaa keessatti suuraa kaasuun


waa’ee waan dubbatamuu akka nuti waan argaa jirru fakkaatee akka nutty
mul’atuuf kan tajaajiludha. kana malees dandeettii barreessaan jechoota
gaggariitti fayyadamee dubbistoota hawwatuuf kan godhudha. kunimmoo
dubbistootni jechoota sana yommuu dubbisan mallattoon waan tasifamaa jiru
sanaa sammuu isaanii keessatti uumamaa akkasaan faana oliif gad
dhiphachaa deeman tasisa. Fakkeenyaaf

….Dhaabbiitti harkaa fi miilli koo utubaa manaatti hidhamee, aara


daakuu sinichoon na hulanii, aaraan ukkaamamee iji ilaaluu na
Ieeyya'ee imimmaan of keessaa darbata. Haati buddeenaa kiyya
qarabaa ittiin na lamxiitu dimeffachuuf ibidda bira gugguufti.
Ilmaan ishii kutaa cisichaa keessaa kolfa mirgisu. Abbaan koo
fuul-dura kiyya kursii gubbaa, harka mirgaan mangaagaa
degerfatee ciqilee jilba miilaan irra keewatee cal’isee taa’ee na
ilaala. Aarri daakuu sinnichoo afaaniifi funyaaniin seenee afuura

43
na kutuutti jira . seenaan guyyaa dhaga’aa oolee gurra keessaa
na bilbila. Surraan haadha koo aara keessaan goree ija jaalalaan
na ilaala… (Abraam Tasfayee 2008)

waraabbii kanarraa akkuma ialaallutti gochaa Obsaa irraan haati buddeenaa


isaafi abbaansaa irraan gahaa jiran, akkaataa itti obsaan jalaa bahuuf gochaa
jiru, haati buddenaasaa maal akkasheen dalagaa jirtu, abbaansaa immoo
akkan itti taa’u, aarri sinichoo obsaa akkam akka inni gochaa jiru, obsaan
akkamitti hidhamee jiru sammuu keenya keessaatti mallattoo tahe uumuu
dandaa’eera.

44

S-ar putea să vă placă și