Sunteți pe pagina 1din 2

ONNEE NAMAA RAASTI

Dinqeen Midhaan daakti Nama ajaaibdi Akka dhiiraa geerarti Nama Awwisiisti Onnee namaa raasti Yaadan nama gubdi Bifaan maal fakkaattii. . Kan koo hin taane barana Silaa maalan godha Taaeetan gugungumaa Akka sareen duta Gagalaa fi ganama Dudduuba ishiin deema Boqonnaan ishii dhowwa Olii gadin fiigsa Ololas nan geggeessa Didnaanis nan waraana Sochiin koos siyaasa Kanan itti dhaama. Intalli gaaddidduu Namnis bira hin gau Namatti hin dhiaattu Deemtees hin sirbitu Amala hama hinqabdu Namarra oduu hin fidu Mallattoos hinqabdu Itti uumuus hin dandau Harkisees hin baasu Silaa nattis hin eerumtu Ani kanin jedhuu aarsummaas hin ergu Xalayaas si hinbarreessu Karaarras hin deemtu Hojjatee hin jiraattu Ganda kanas hin teessuu Oduu miti hin asaasu Ani waanan jedhe hin dhiisu Lubbun hin jiraattu Yoo na hin galle kakuu Hamaan dhoksaa hin qabu Siyaasni ha hafuu. Adoolessa 18, bara 2003 A.L.I.( July 25, 2011)

S-ar putea să vă placă și